Fana: At a Speed of Life!

Qulqullinaa fi wal gitiinsa kenna tajaajila fayyaa fooyyeessuuf xiyyeeffannoodhaan hojjechaan jira jedhee Biiroon Eegumsa Fayyaa Oromiyaa

Finfinnee, Muddee 15, 2013 (FBC) – Qulqullinaa fi wal gitiinsa kenna tajaajila fayyaa fooyyeessuuf xiyyeeffannoodhaan hojjechaan jira jedhee Biiroon Eegumsa Fayyaa Oromiyaa.
Biirichi Yaa’ii 2ffaa qulqullina kenna tajaajila fayyaa Adaamaatti gaggeesseera.
Hogganaan Biiroo Eegumsa Fayyaa Oromiyaa Dooktar Mangistuu Baqqalaa wal tajjicharratti haasaa taasisaniin Birichi qulqullina kenna tajaajilaa fooyyeessuuf tarsiimoo baasee hojjechaa jira jedhaniiru.
Koree addaa dhimma qulqullina kenna tajaajilaa hordofuu hundeessuun,dandeettii dhaabbiillee fayyaa naannichaa Gama guddisuunii fi humna namaa cimsuun hojileen hojjetamanis jiraachuu Dooktar Mangistuun Himaniiru.
Keessattu rakkoo daandeetti qorannoo dhaabnilee fayyaa furuuf hojileen hojjetamanii bakka guddaan kan itti kennamuudha.
Hojileen bu’uuraa qulqullina kenna tajaajilaa kunneen hojjetamanis rakkoon qindoominaa,rakkoon kutannoo hoggansaa,murtoo murteessuu dadhabuunii fi ragaan sobaa garuu hamma yaadamee akka hin tarkaanfannee nu taasisee jiras jedhan.
Yeroon keessa jirru jalqabbii galmoota cemsa damee fayyaa lammaffaa ta’uu isaatiin ammumaa kaasee qulqullina kenna tajaajila fayyaa fooyyeesssuf xiyyeeffannaan hojjetamaa jiraa jedhameera.
Kuni galmaan akka ga’uufimmoo hoggansii fi kutaan hawaasaa hundi ga’ee isaa akka ba’atuu hogganaan Biiroon Eegumsa Fayyaa Oromiyaa Dooktar Mangistuu Baqqalaan dhaamaniiru.
Yidneqaachaw H/Maariyaam gabaase.
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
Karaa Yuutyuubii keenyan nu hordofuuf FBC Afaan Oromoo https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/ subiskiraayib godhaa.
Karaa marsariitii (weebsaayitii) keenya fanabc.com/afaanoromoo nu hordofaaa.
Twiitara keenya https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.