Fana: At a Speed of Life!

Rakkoo nageenyaa godina Matakkaal hundeerraa furuuf humni qindaa’e akka bobba’u taasiifameera – Dooktar Abiy

Finfinnee, Muddee 15, 2013 (FBC) – Naannoo Beenishaanguul Guumuuz godina Matakkalitti haleellaan lammiilee nagaarratti raawwate daraan gaddisiisaa ta’uu Muummeen Ministiraa FDRI Dooktar Abiy Ahimad ibsan.

Gochaa gara jabinaa lammiileerratti raawwateen haalan gadduu himaniiru.

Rakkicha bifa addaan furuuf tattaaffiin taasiifame bu’aa barbaadamu fiduu hin dandeenye kan jedhan Dooktar Abiy kaayyoon diinoota tarkaanfii cimaa garee finxaaleyyii ABUT irratti fudhatame bittineessuuf ta’uu Fuul Feesbuukii isaaniin ibsaniiru.

Kun ammoo kan milkaa’uu miti jedhan.

Mootummaan rakkicha hundeerraa furuuf humni qindaa’ee akka bobba’u taasiiseera jedhan.

Bu’aa barbaachisu argamsiisuuf akkuma kanaan duraa qaamni hundi xiyyeeffannoo fi gamtaan akka hojjetu waamicha dhiyeessaniiru.

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.

Karaa Yuutyuubii keenyan nu hordofuuf FBC Afaan Oromoo https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/ subiskiraayib godhaa.

Karaa marsariitii (weebsaayitii) keenya fanabc.com/afaanoromoo nu hordofaaa.

Twiitara keenya https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.