Fana: At a Speed of Life!

Masaraa mootii Faasil suphuuf qorannoon Birrii miiliyoona 400 xumurame

Finfinnee, Muddee 15, 2012 (FBC) – Gamoowwaan masaraa mootii Faasil suphuuf qorannoon Piroojaktii Birrii miiliyoona 400 xumuramuu bulchiinsi hambaalee idila addunyaa Gondar beeksise.

Bulchiinsi hambaalee idila addunyaa Gondar obbo Geetaahuun Siyum Tajaajila Oduu Ityoophiyaatti akka ibsanitti qorannoon piroojaktichaa waggoota shanaan dhufanitti hojii suphuu sadarkaa sadarkaan  adeemsiisuu kan dandeessisuudha jedhan.

Qoranicharratti naannoo Amaaraa dabalatee abbaa taayitaa eegumsaa fi qorannoo hambaalee federaalaa fi ogeessootni olaanoon hirmaataniiru.

Baajatni suphaa kanaa deeggarsa mootummaa federaalaa fi dhaabbilee tola ooltota idila addunyaa uwwifama jedhameera.

Suphaan mooraa masaraa mootichaa mootummaa naannichaan kan rammadamee fi galii daawwattootarraa walitti qabaameen Birrii miiliyoona 36 eegalamuu ibsameera.

gamoon masaraa mootii Faasil jaarraa 16ffaa keessa kan ijaarame ta’uun ni yaadatama.

 

 

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.