Fana: At a Speed of Life!

Poolisiin Birrii miiliyoona 4 olii fi maallaqa sobaa biyyoota garaagaraa kuma dhibba 4 fi kuma 30 to’anna jala oolche

Finfinnee, Muddee 14, 2013 (FBC)-Komishiniin Poolisii magaalaa Finfinnee nageenya magaalichaa eeguuf sakattoo gaggeessaa jiruun Birrii Ityoophiyaa miiliyoona 4 olii fi maallaqa sobaa biyyoota garaagaraa kuma dhibba 4 fi kuma 30 to’anna jala oolchuu beeksisee.
Daayreektarri kominikeeshinii komishinichaa Komaandar Faasikaa Faantaa, sakattoo poolisiin taasiseen Birrii Ityoophiyaa miiliyoona 4 fi kuma dhibba 300, doolaaraa Ameerikaa kuma dhibba 2 fi kuma 48 fi 941, Yuuroo kuma 3 fi 172 fi maallaqni biyyoota garaagaraa kumni dhibbi 1 fi kumni 92 ol to’annaa seeraa jala oolu ibsameera.
Dabalataanis noottiin sobaa Birrii kumni dhibbi 1 kumni 78 fi 256, doolaarri Ameerikaa kumni dhibbi 1 fi kumni 81 fi 900 fi Yuuroon 200 to’atamuu ibsuun, shakkamtootarratti maallaqicha waliin to’annaa jala oolan irratti qorannoo taasifamaa jiraachuu ibsaniiru.
Akka ibsa komaandarichaatti, baatii tokko keessaatti gareen gantuu ABUT diinagdee biyyaa fi nageenyaa irratti balaa qaqqabsiisuuf tattaaffii taasisaa tureera jedhan.
Maddi:-TOI
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
Karaa Yuutyuubii keenyan nu hordofuuf FBC Afaan Oromoo https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/ subiskiraayib godhaa.
Karaa marsariitii (weebsaayitii) keenya fanabc.com/afaanoromoo nu hordofaaa.
Twiitara keenya https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.