Fana: At a Speed of Life!

Ityoophiyaatti namoonni dabalataa 290 vaayrasii koroonaan qabamuu ibsame

Finfinnee, Muddee 13, 2013 (FBC) – Gabaasa qorannoo sa’aatii 24 darbeetiin namoonni dabalataa 290 vaayrasii koroonaan yoo qabaman,lubbuun namoota 3 darbeera.

Sa’aatii 24 darbetti qorannoo laabraatoorii namoota 4,347f gaggeeffameen vaayrasichi namoota 290 irratti argamuu Ministeerri Fayyaa beeksise.

Namoonni haaraan 1,137 dandamataniiru.

Namoonni 13,954 yaalarratti argamu.

Namoonni 274 wallaansa cimaa keessatti argamu.

Lubbuun namoota 3 darbeera.

Waliigala lubbuun namoota 1,864 darbeera.

Ityoophiyaatti waliigala hanga ammaatti namoonni 120, 638 dhibichaan qabamaniiru.

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf; Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.

Karaa Yuutyuubii keenyan nu hordofuuf FBC Afaan Oromoo https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/ subiskiraayib godhaa.

Karaa marsariitii (weebsaayitii) keenya fanabc.com/afaanoromoo nu hordofaaa.
Twiitara keenya https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.