Fana: At a Speed of Life!

Oromiyaatti baatiwwan shanan darbanitti proojaktoonni kaappitaala Birrii biiliyoona 83 galmeessaa gara hojiitti galan –Obbo Addisuu

Finfinnee, Muddee 13, 2013 (FBC)- Naannoo Oromiyaatti baatiwwan shanan darbanitti proojaktoonii kaappitaala Birrii biiliyoona 83  galmeessaa kumbi 4 fi 359 gara hojitti galuu sadarkaa itti aanaa preezdantiitti Qindeessaan Kilaastara hawaasummaa obbo Addisuu Araggaa ibsan.

Kanneen keessaas qonnaan bultoonni kumni 3 fi 519 gara abbaa qabeenyuumma kan ce’aan yoo ta’an, 316 ammoo dargaggoota ta’uu ibsaniiru.

450 ammoo abbootii qabeenyaa biyyaa keessaa fi biyyaa alaa 74 ammoo gaaffi babaliffannaa kan dhiyeessan ta’u obbo Addisuun ibsaniiru.

Invastaroota kanaaf laftii heektaarri kumni dhibbi 3 kumni 5 fi 920  laatameera jedhan.

Proojaktoonni kunneen dandeettI guutuun gara hojiitti wayita galan dargaggoota kuma dhibba 3 fi kuma 13 fi 566f carraa hojii nu uumuu jedhaniiru.

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
Karaa Yuutyuubii keenyan nu hordofuuf FBC Afaan Oromoo https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/ subiskiraayib godhaa.
Karaa marsariitii (weebsaayitii) keenya fanabc.com/afaanoromoo nu hordofaaa.
Twiitara keenya https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

 

 

 

 

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.