Fana: At a Speed of Life!

Yaa’ii ariifachiisan hoggantootaa IGAD 38ffaan murtoo garaagaraa dabarsuun xumurame

Finfinnee, Muddee 12, 2013 (FBC) – Yaa’ii ariifachiisaan hoggantoota Mootummoota Misoomaa Baha Afrikaa 38ffaa Jibuutiitti gaggeeffamaa ture murtoo garaagaraa dabarsuun xumurameera.

 

Yaa’ichi dhimmoota Siyaasaa, Hawaasummaa fi Diinagdee biyyoota miseensa dhaabbatichaa irratti kallattii kaa’eera.

 

Muummeen Ministiraa FDRI Dooktar Abiy Ahimad duula olaantummaa seeraa kabachiisuu naannoo Tigraayitti gaggeeffamaa ture ilaalchisee yaa’ichaaf ibsa taasiisaniiru.

 

Duulichi heera mootummaa fi tokkummaa biyyattii eegsisuun tasgabbii fideera jedhan Dooktar Abiy.

 

IGAD gama isaaniin sababa duula olaantummaa seeera kabachiisuun naannoo Tigraayitti lammiilee deeggarsa namoomaa barbaadaniif deeggarsa taasisuuf waliigaltee dhiyaate raggaasiseera.

 

Sudaanitti waggaa lama dura warraaqsa ummataa hordofee adeemsa ce’umsa demookraasii muul’ate dinqisiifachuun waliigaltee nageenyaa Sudaan Kibbaa Juubaatti taasiifame  leelliseera.

 

Dabalataan humnoonni Sudaan waliigaltee nageenyaa hojiitti akka hiikanii fi mootummaan Sudaanii fi qooda fudhattoonni Mana Maree Seera Baaftuu yeroo akka hundeessan gaafateera.

IGAD yaa’ichaan ibsa baaseen humnoonni mormitootaa Sudaan Kibbaa waliigaltee nageenyaa eegalame adda kutan akka itti fufan waliigalteen dura waliigalame hojiitti akka hiikamu gaafateera.

 

 

Adeemsa kenniinsa aangoo naannolee biyyattii sagal keessatti taasiifame kan dinqisiifamu ta’uu eeruun, itti aantuun Preezdaantii Sudaan Kibbaa Dooktar Riik Maachaar irra qoqqoobbiin kaa’ame kan hin jirre ta’uu ibseera.

 

Waliigalteen mootummaa federaalaa fi bulchiinsota Soomaaliyaa kan dinqisiifamu akka ta’ees eereera.

 

Soomaaliyaatti tattaaffiin humni nagaa kabachiisaa Gamtaa Afrikaa Alshabaab dhabamsiisuuf agarsiise jajjabeessaa ta’uu ibsa isaan himeera.

 

Mariin Soomaaliyaan Soomaaleelaandi waliin eegalte jajjabbeessa ta’uus eerrameera.

 

Mootummaan biyyattii maricha milkeessuuf tattaaffii taasiisaa jiru dinqisiifachuu IGAD ibsa isaan ibseera.

 

 

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf; Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.

 

Karaa Yuutyuubii keenyan nu hordofuuf FBC Afaan Oromoo https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/ subiskiraayib godhaa.

 

Karaa marsariitii (weebsaayitii) keenya fanabc.com/afaanoromoo nu hordofaaa.

 

Twiitara keenya https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

 

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf; Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.

 

Karaa Yuutyuubii keenyan nu hordofuuf FBC Afaan Oromoo https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/ subiskiraayib godhaa.

 

Karaa marsariitii (weebsaayitii) keenya fanabc.com/afaanoromoo nu hordofaaa.

 

Twiitara keenya https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna..

 

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.