Fana: At a Speed of Life!

Dargaggoonni beekumsa diijitaalaa akka qabaatanif hojjetamaa jiraachuu Ministeerri Innooveeshinii fi Teeknooloojii beeksise

Finfinnee, Muddee 12, 2013 (FBC) – Dargaggoonni beekumsa diijitaalaa akka qabaatanif hojjetamaa jiraachuu Ministeerri Innooveeshinii fi Teeknooloojii beeksise.
Ministeerri Innooveeshinii fi Teeknooloojii mata duree “imala fayyaa gara tulluu Kiibiiqal’oo” jedhuun dargaggootaf diijitaal Ityoophiyaa 2025 walbarsiiseera.
Walbarmaatiin kunis magaalaa Waldiyaatti imala tulluu irratti gaggeeffameen dargaggoota hirmaataniif ta’uu ministeerichi beeksiseera.
Ministir Deettaan Innooveeshinii fi Teeknooloojii Dooktar Ahimadiin Mahaammad dargaggoo teeknooloojiitti dhiyeenya ta’e beekumsa diijitaalaa akka qabaatuf hojjetamaa jiraa jedhaniiru.
Dargaggoonni hedduun fayyadamtoota miidiyaa hawaasaa ta’uu isaaniin beekumsa diijitaala dabalachuun teeknooloojii fayyaaf, daldalaaf fi waan gaariif akka oolchaan gaafataniiru.
Yeroo jalqabaaf imala Dassee – Kombolchaa taasisuun kan eegalame imalli miilaa marsaa 7ffaan gara tulluu Kaabii Qal’ootti kan taasifame yoo ta’u, dargaggoonno Kombolchaa hanga Dassee jiran hirmaataniiru.
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
Karaa Yuutyuubii keenyan nu hordofuuf FBC Afaan Oromoo subiskiraayib godhaa.
Karaa marsariitii (weebsaayitii) keenya fanabc.com/afaanoromoo nu hordofaaa.
Twiitara keenya https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.