Fana: At a Speed of Life!

Shakkamtoota biyya alaa ajajni qabamu itti ba’e Interpoolii waliin dubbachuun taa’annoo jala oolchuuf hojjetamaa jira – Poolisii Federaalaa

Shakkamtoota biyya alaa ajajni qabamu itti ba’e Interpoolii waliin dubbachuun taa’annoo jala oolchuuf hojjetamaa jira – Poolisii Federaalaa

Finfinnee, Muddee 11, 2013 (FBC) – Shakkamtoota biyya alaa jiraatan kanneen ajajni qabamuu itti ba’e Interpoolii waliin dubbachuun too’annoo jala oolchuuf hojjetamaa jiraachuu Poolisiin Federaalaa beeksise.

Itti gaafataaan ittisa damee yakkaa poolisii federaalaa itti aanaan Komishinaraa jeneraal Malakuu Faantaa har’a haala waqtaawaa ilaalchisee Maqaleedhaa miidiyaaleef ibsa laataniiru.

Gareen Juunta magaalota gadi lakkisee dheeffuu osoo hin eegaliin yakkamtoota manneen sirreessaa yaasuun hidhachiisee naannoo magaalotaatti saamicha garaagaraa akka raawwatan taasiisuu Jeneraal Malaakuun ibsaniiru.

Jiraattoota waliin ta’uun yakkamtoota seeraan barbaaddaman hojiin too’annoo jala oolchuu cimee itti fufeera jedhan.

Miseensota garee Juuntaa ajajni qabamuu itti ba’e hunda isaanii too’annoo jala oolchuuf xiyyeeffannoon hordoffiin taasifamaa jiraachuu ibsaniiru.

Shakkamtoota biyya alaa jiraatan kanneen ajajni qabamuu itti ba’e dhaabbata Poolisii idila addunyaa (Interpoolii) waliin dubbachuun too’annoo jala oolchuuf hojjetamaa akka jiu eeraniiru.

Maddi:- TOI

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.

Karaa Yuutyuubii keenyan nu hordofuuf FBC Afaan Oromoo subiskiraayib godhaa.

Karaa marsariitii (weebsaayitii) keenya fanabc.com/afaanoromoo nu hordofaaa.
Twiitara keenya https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.