Fana: At a Speed of Life!

Koreen giddugaleessaa Paartii Badhaadhinaan walga’ii idilee guyyoota lamaaf gaggeessaa ture xumure

Finfinnee, Muddee 10, 2013 ( FBC) – Koreen giddugaleessaa Paartii Badhaadhinaan walga’ii idilee guyyoota lamaaf gaggeessaa ture murtoowwan garaagaraa dabarsuun xumureera.
Korichi ajandaawwan nageenyaa, Misoomaa, ijaarsa sirna Demookraasii fi filannoo biyyaalessa irratti gadi fageenyaa erga mari’atee kallattiiwwan ka’eera.
Waggoota lamaaf walakkaa darban keessa jijjiirrama biyyattii keessatti muul’ateen qormaata ture dura dhaabbachuun badhaadhina biyyattii mirkaneessuuf carraa bal’aa kan uumee fi balaa diiggamuurraa kan baraare ta’uu marii gaggeeffameen irratti walii galameera.
Paartiin Badhaadhinaa paartii sabdaneessaa ta’uun gurmaa’uu isaan hawaasa siyaasaa fi diinagdee tokkoo ijaaruuf carraa olaanaa uumurra darbee kutaalee hawaasaa siyaasa biyyattii ala turan hammachuun paartii dhaloota dhufuu ta’uu isaa mirkanaa’eera.
Walga’ichaan jijjiirrama akka biyyatti argame eegsisuun gara badhaadhina hunda galeessatti guddisuun kan barbaachisu ta’uu eerrameera.
Duudhaalee, ergamaa fi hojmaata paartichaa namuusa gaariin hojiitti hiikuun dhaabbata cimaa ijaaruun murteessaa ta’uu waliigalameera.
Koreen giddugaleessaa Paartii Badhaadhinaan walga’ii idilee guyyoota lamaaf gaggeessaa tureen ibsa ejjennoo abbaa qabxii 10 baasuun xumureera.
Jalqabarratti kallattiin ka’ee tarkaanfii seera kabachisuu garee Juuntaarratti fudhatameen miirri tokkummaafi murannoon ummanni agarsisee dameewwan misoomaa biroorrattis dabaluun badhaadhinaa biyyatti mirkaneessuuf tumsi akka taasifamuu kallatti ka’eera.
2ffaarratti miseensota Juuntaa seeratti dhiyyeessuun cinaatti adeemsa seera kabachisuu keessatti lammiileen buqqa’an gara qe’eesanitti deebi’ani jireenya idilee akka jalqabanii fi misoomni bu’uura Juuntaan balleesse ijaaramanii tajaajilaaf akka oolan taasisuuf hojiin jalqabame cimee akka itti fufuuf kallattiin ka’ameera.
Naannoo Tigraayitti carraqqii tajaajila ummataa jalqabsisuufi deeggarsa namooma qaqqabsisuuf taasifamu akkasumas carraqqii hawaasni gara jireenya idileetti akka deebi’uuf taasifamuun hoggantoonni paartichaa,miseensonni,deeggartoonnii fi ummanni biyyattii hundi ga’ee isaanirraa eegamu akka baa’ataniif korichi waamicha dhiyyeessera.
3ffaarratti gama tokkummaa biyyaaleessaa sabdanessummaa biyyattitti mul’atu keessummeessuu danda’u ijaaruutiin sirna federalaa tokkummaa sabdaneessummaa duudhaa obbolummaarratti hunda’ee mirkaneessuu danda’u akka milka’uuf hoggantoonni paartichaafi miseensonni murannoon akka qabsa’aniif kallattiin ka’aameera.
4ffaarratti gaaffiwwaan eenyummaa ummanni kaasan haaloota ilaalcha keessa galchuun fedhii obbolummaa fi waliinii ummattootaa hojmaata seera hordofee deebiin akka kennamuuf kallattin ka’aameera.
5ffaarratti carraqqii humnoota badii gochaa sukkanneessaa raawwatan to’achuufi tarkanfii fudhachuuf taasifamuurratti hoggantoonni paartii Badhaadhinaa sadarkaan jiran obsa guddaafi murannoon akka hojjataniif kallattiin ka’aameera.
6ffaarratti biyyattitti carraqqii rakkoowwan siyaasaa,diinagdeefi hawaasummaa furruuf taasifamurratti hoggantoonni fi miseensoonni paartiichaa sadarkaa garagaraarratti argaman dhimmoota xixiqqoo qoqqodinsa uuman keessa ba’uun ilaalcha biyyaaleessa olaanaa ta’ee qabachuun badhaadhinaa biyyaatiifi lammiilee mirkaneessuuf miiraa walgargaarsaan akka hojjetaniif kallattiin ka’aameera.
7ffaarratti filannoon fuuldura jiru kara nagaa qabeessa,demokiraatawaa fi bilisa akka ta’uuf hoggantoonni paartichaa murannoo guddaan akka hojjetaniif kallattiin ka’aameera.
8ffaarratti hoggantoonnii fi miseensonni paartichaa manifeestoo ragga’ee bu’uura godhachuun qophii barbaachisu hunda akka taasisaniif kallattin ka’aameera.
9ffaarratti morkattoonni paartilee siyaasaa filannoon biyyaaleessaa fuulduraa milkiin akka xumuramuuf ga’eesaanii akka ba’ataniif waamichi dhiyaateera.
Dhumarratti ummanni biyyattii martuu jijjiiramaa fi milkiwwan biyyattitti argaman cimanii akka itti fufaniif,filannoon fuulduraa bifa nagaa qabeessafi dimookiraatawaan akka xumuramuuf ga’eesaanii akka ba’ataniif waamichi dhiyaatera.
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
Karaa Yuutyuubii keenyan nu hordofuuf FBC Afaan Oromoo subiskiraayib godhaa.
Karaa marsariitii (weebsaayitii) keenya fanabc.com/afaanoromoo nu hordofaaa.
Twiitara keenya https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.