Fana: At a Speed of Life!

Ityoophiyaatti namoonni dabalataa 544 vaayrasii koroonaan qabamuu ibsame

Finfinnee, Muddee 9, 2013 (FBC) – Gabaasa qorannoo sa’aatii 24 darbeetiin namoonni dabalataa 544 vaayrasii koroonaan yoo qabaman,lubbuun namoota 12 darbeera.

Sa’aatii 24 darbetti qorannoo laabraatoorii namoota 6,284f gaggeeffameen vaayrasichi namoota 544 irratti argamuu Ministeerri Fayyaa beeksise.

Namoonni haaraan 1,108 dandamataniiru.

Namoonni 16,321 yaalarratti argamu.

Namoonni 261 wallaansa cimaa keessatti argamu.

Lubbuun namoota 12 darbeera.

Waliigala lubbuun namoota 1,843 darbeera.

Ityoophiyaatti waliigala hanga ammaatti namoonni 119,025 vaayrasichaan qabamaniiru.

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
Karaa Yuutyuubii keenyan nu hordofuuf FBC Afaan Oromoo subiskiraayib godhaa.
Karaa marsariitii (weebsaayitii) keenya fanabc.com/afaanoromoo nu hordofaaa.
Twiitara keenya https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.