Fana: At a Speed of Life!

Haati warraa fi ilmi ambaasaaddar Siyyuum Masfiin yeroo 2ffaaf Mana Murtiitti dhiyaatan

Finfinnee, Muddee 9, 2013 (FBC)- Haati warraa ambaasaaddar Siyyuum Falagahiywat Barihee fi ilmi isaanii Agaazii Siyyuum yeroo 2ffaaf har’a Mana Murtiitti dhiyaataniiru.

 

Qorattoonni komishinii Poolisii magaalaa Finfinnee qorannoo guyyoota saddeettan darban laatameef keessaatti hojiiwwan hojjetaan Mana Murtii Federaalaa sadarkaa jalqabaa dhaddachaa ramaddii Araadaa jijjiirraa beellamaa 2ffaa har’a ooleef ibsaniiru.

 

Jecha fuudhu, meeshaalee elektirooniksii mana isaaniitti argamee qorannoo teeknikaaf erguu fi bu’aa isaa eeggachaa jiraachuu kan ibsaan qorattoonni poolisii, yakka ittin shakkamaniif hojii ragaa filachuu fi madda maallaqaa fi shugguxii mana jireenyaa isaanii keessaatti argame seeraa qabeessa ta’uu fi dhabuusaa qulqulleessaa jiraachuu eeraniiru.

Qorattoonni poolisii yakkichi walxaaxa ta’uu isaatiin qorannoo gaggeessuuf guyyoota dabalataa 14 gaafataniiru.

Haati warraa ambasaaddaricha gama isaaniitin, Waxabajjii 28, 2012 mana kiraa mootummaa qaban samsamuu fi sakattoo taasifameen shuggixiin argamee ofii kiyyaa buufata poolisii deemee akka naaf galma’uu fi yeroo sanatti mallateessuuf  wayitan jedhu erga sakattoon gaggeeffamee booda galmeessita sababa jedhuun osoo hin maallateessin hafe jedhaniiru.

Dabalataan fayyummaan isaanii fi ilmi isaanii rakkoo keessaa jiraachuu eeruun, dhiibbaan dhiiga dabaluusaan dabalatan qorichi akka nuuf dhufuu jechuun gaafataniiru.

Ilmi koo haalli fayyaa isaa tilmaamamee wabiin ba’uun maatii bira akka taa’uu jechuun iyyannoo dhiyeeffataniiru.

Dhimmicha hordofaa kan ture manni murticha yakkicha ilaalchisee qorannoon gadi fageenyaan dhiyaachaa jiraachuu eeruun, ajaja laachuuf hirmaannaan isaanii adda ba’ee yaa dhiyaatu jechuun qorataa poolisiif guyyoota dabalataa 10 eeyyameera.

Qorichoonni  fayyaa isaaniitif barbaachisan akka galuuf eeyyameera.

Taarik Addunyaatu gabaase

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
Karaa Yuutyuubii keenyan nu hordofuuf FBC Afaan Oromoo subiskiraayib godhaa.
Karaa marsariitii (weebsaayitii) keenya fanabc.com/afaanoromoo nu hordofaaa.
Twiitara keenya https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.