Fana: At a Speed of Life!

Dhaabbanni Mootummoota Gamtoomanii namoota nagaa sababa lola Tigraayiin miidhaman gargaaruuf deeggarsa yeroo balaa Doolaara miiliyoona 35.6 gumaachuu beeksise

Finfinnee, Muddee 9, 2013 (FBC) – Dhaabbanni Mootummoota Gamtoomanii namoota nagaa sababa lola Tigraayiin miidhaman gargaaruuf deeggarsa yeroo balaa Doolaara miiliyoona 35.6 gumaachuu beeksise.
Lola humnoota mootummaa federaalaa fi ABUT gidduutti naannoo daangaa fi Tigraay keessatti eegalee torbanootaaf gaggeefameen namoonni miiliyoonaan kan lakkaawaman fedha deeggarsa namoomaa atatamaa eeggachuuf saaxilamaniiru.
Arjoomni maallaqaa kun namoota lola kanaan madaa’aniifi miidhamaniif qoricha, wanta nyaatamuufi bishaan dhugaatii dhiyeessuuf akka oolu dhaabbatichi ibseera.
Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanitti fandii deebii balaa Yeroo Tasaa Ityoophiyaa keessatti deeggarsi kan taasifamuuf Doolaara miiliyoona 13 fi Sudaanitti buufata baqatootaa haaraa kan galaniif Deeggarsi Doolaara miiliyoona 5 gadlakkifamuu beeksiseera.
Haaluma walfakkaatuun, Ityoophiyaa keessatti kan argaman Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanitti Fandiin namoomaa fuula duratti Doolaara miiliyoona 12 fi Sudaanitti dhaabbata Mootummoota Gamtoomaniitti fandii namoomaa deeggarsa Doolaara miiliyoona 5.6 akka gadlakkisu ni eeggama.
Maallaqa amma dhaabbatichi arjoome kanaan deeggarsi dhiyaatu hunda dura dubartoota, daa’imman, jaarroliifi kanneen miidhama qaamaa qabaniif dursa akka kennu dhabbatichi beeksiseera.
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
Karaa Yuutyuubii keenyan nu hordofuuf FBC Afaan Oromoo subiskiraayib godhaa.
Karaa marsariitii (weebsaayitii) keenya fanabc.com/afaanoromoo nu hordofaaa.
Twiitara keenya https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.