Fana: At a Speed of Life!

Magaalaa Galamsootti meeshaalee waraanaa 220 fi kontroobaandii to’atame

Finfinnee, Muddee 9, 2013 (FBC)- Godina Harargee Lixaa aanaa Habroo magaalaa Galamsootti Meeshaaleen waraanaa 220 kontroobaandii to’atameera.
Meeshaaleen kontiroobaandii kunneen tilmaama Birrii kuma dhibba 8 fi kuma 97 fi 600 qabu jedhameera.
Itti gaafatamaan waajjira Poolisii aanaa Habroo Saajiin olaanaa Tamasgeen Kadiir, kontroobaandiin guddina biyyaaf gufuudha jedhaniiru.
Akka gabaasa OBNtti aanichatti meeshaaleen waraanaa seeraan alaa shugguxii, boombii, kilaashiiwwaan gosni garagaraa meeshaalee duubatti hafoo dabalatee 220 to’atameera.
Hawaasni qaamolee yakka akka kana raawwachuuf socho’aan wayita arganitti eeruu akka laataan dhaamaniiru.
Meeshaaleen to’annaa jala oolaan damee sakattoo Gumuraka Awaashitti galii ta’eera jedhan.
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
Karaa Yuutyuubii keenyan nu hordofuuf FBC Afaan Oromoo subiskiraayib godhaa.
Karaa marsariitii (weebsaayitii) keenya fanabc.com/afaanoromoo nu hordofaaa.
Twiitara keenya https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.