Fana: At a Speed of Life!

Komishiniin poolisii federaalaa olaantummaa seeraa,nageenyaa, tasgabbii f ijaarsa dandeettiirratti xiyyeeffannoo olaanaan laachuun kan hojjetu ta’uu beeksise

Finfinnee,Muddee 8, 2013 (FBC) – Komishiniin poolisii federaalaa olaantummaa seeraa,nageenyaa, tasgabbii fi ijaarsa dandeettiirratti xiyyeeffannoo olaanaa laachuun ka hojjetu ta’uu beeksiseera.

Komishinichi karoora baatii sadii qopheesse irratti hoggantoota olaanoo poolisii federaalaa, magaalaa Finfinnee fi Dirree Dawaa waliin marii taasiseera.

Komishinarri komishinii federaalaa jeneraal Dammallaash Gabramikaa’eel hojiilee waggaatti hojjetamuuf hin yaaddamne qorannoo fi qoo’annoon deeggaramuun qindoomiina olaanaan yeroo gabaabaa keessatti raawwachuun akka danda’amuu eeraniiru.

Baatiwwan sadan itti aanaan keessatti olaantummaa seeraa,nageenyaa, tasgabbii fi ijaarsa dandeettii irratti xiyyeeffannoo olaanaan kan hojjetamu ta’uu himaniiru.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.