Fana: At a Speed of Life!

Obbo Dammaqaan gita isaanii Fiinlaand waliin mari’atan

Finfinnee, Muddee 8, 2013 (FBC)- Itti Aanaa Muummee Ministiraa fi Ministirri Ministeera Dhimma Alaa obbo Dammaqaa Mokonnin Ministira Ministeera Dhimma Alaa Fiinlaand Peekaa Haavistoo waliin bilbilaan mari’ataniiru.

Marii isaaniitin obbo Dammaqaaduula olaantummaa seeraa kabachiisuu garee ABUT irratti fudhatame kaasuun naannichaatti deeggarsa namoomaa taasifamaa jiru irratti ibsa laataniiru.

Akkasumaas bu’uuraalee misoomaa miidhaman suphuun gara tajaajilaa akka laataniif taattaaffi mootumman taasisaa jirus obbo Dammaqaan ibsaniiru.

Dabalataniis humni badii kun kaampii baqattoonni Eertiraa keessa jiraatan irratti saamicha gaggeessuu ibsun, yeroo amma kanas mootummaan baqattoota kanneeniif deeggarsa taasisaa jiraachuu himaniiru.

Lammiilee Sudaanitti baqatanii jiraniis gara biyyaa deebisuuf hojjetamaa jiraachuu eeraniiru.

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
 
Karaa Yuutyuubii keenyan nu hordofuuf FBC Afaan Oromoo subiskiraayib godhaa.
 
Karaa marsariitii (weebsaayitii) keenya fanabc.com/afaanoromoo nu hordofaaa.
 
Twiitara keenya https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.