Fana: At a Speed of Life!

Godina Arsii Lixaa Aanaa Nageellee Arsii Gandaa Mudhii Arjootti baalli sammuu namaa hadoochuu ashiishiin kuntaalli 163 too’atame

Finfinnee, Muddee 8, 2013 (FBC) – Godina Arsii Lixaa Aanaa Nageellee Arsii Gandaa Mudhii Arjootti baalli sammuu namaa hadoochuu ashiishiin kuntaalli 163 too’atame.
Gandaa Qotee Bulaa Mudhii Arjoo keessatti namoonni faayidaa hin malee argachuuf baala sammuu namaa hadoochuu ashiishii kuntaala 163 oomishaanii gurguruuf qophaa’anii osoo jiran eeruu hawaasni qaamolee nageenyaatiif kennaniin baalli kun too’atamuun ibsamee jira.
Waajjira Poolisii Aanaa Nageellee Arsiitti Abbaan Adeemsa Mirkanneessa Nageenyaa Saajin Ol’aanaa Tariikuu Waggaarii Poolisii Idilee, Poolisii Humna Adda fi Milishoota wajjiin qindaa’uun qaamota gocha kanarratti hirmaatan araarama tokko malee seeratti akka dhihaataniif hojiin hojjatame kan nama boonsuu ta’uu ibsaniiru.
Fuula duraatis hawaasni qaamoolee nageenyaa cinaa dhabbachuun namoota hojii seeran alaa irratti bobba’an saaxiluu akka qaban dhamaniiru.
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
Karaa Yuutyuubii keenyan nu hordofuuf FBC Afaan Oromoo subiskiraayib godhaa.
Karaa marsariitii (weebsaayitii) keenya fanabc.com/afaanoromoo nu hordofaaa.
Twiitara keenya https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.