Fana: At a Speed of Life!

Jilli Ministira Bishaan, Jallisii fi Inaarjii Dooktar Injiinar Silashii Baqqalaan durfamu hojiilee jallisii kilaastaraa qamadii Bonee daawwate

Finfinnee, Muddee 8, 2013 (FBC) – Jilli Ministira Bishaan, Jallisii fi Inaarjii Dooktar Injiinar Silashii Baqqalaan durfamu hojiilee jallisii kilaastaraa qamadii Bonee daawwate.
Jilli Ministira Bishaan, Jallisii fi Inaarjii Dooktar Injiinar Silashii Baqqalaa fi Hogganaa Biiroo Qonnaa fi Qabeenya Uumamaa Oromiyaa obbo Dhaabaa Dabaleetiin durfamu hojiilee jallisii kilaastaraa qamadii Bonee daawwatan.
Jilichi guyyaa har’aa hojiilee jallisii kilaastaraa qamadii Bonee aanaa Dugdaa daawwateera.
Badhaadhina maatii fiduuf mootummaan jireenya ummaataa foyyessuun,wabii midhaan nyaataatiin of’danda’uun cinaatti, qamadii sharafa biyya alaatii galchu hambisuuf jillisiidhaan qamadii bonaan oomishuun akka qonnaan bulaan irraa fayyadamu taasisaa jira.
Akka Waajjiri Dhimmoota Kominikeeshiinii Aanaa Dugdaa beeksiseetti, Jilli guyyaa har’aa daawwii hojii kilaastara jallisii qamadii bonee taasise kun ,hojiilee hojjataman arguun itti gammadaniiru ibseera.
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
Karaa Yuutyuubii keenyan nu hordofuuf FBC Afaan Oromoo subiskiraayib godhaa.
Karaa marsariitii (weebsaayitii) keenya fanabc.com/afaanoromoo nu hordofaaa.
Twiitara keenya https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.