Fana: At a Speed of Life!

Obbo Malaakuu Allabal ambaasaaddara Jarmaan waliin mari’atan

Finfinnee, Muddee 8, 2013 (FBC)- Ministirri Ministeera Daldalaa fi Indaastirii obbo Malaakuu Allabal Ityoophiyaatti ambaasaaddaraa Jarmaan Isteefan Awaar waliin mari’ataniiru.

Dameen qonnaa diinagdee biyyaattif maddaa olaanaa ta’us, teeknooloojiin deeggaramu dhabuusaatiin dandeetti qabeenyaa uumaama biyyattiin qabdu itti fayyadamu dhabuun isheef mootummaa damicharratti xiyyeeffannoo adda laatee hojjetaa jiraachuu ibsaniiru.

Bara Faranjootaa 2011 hanga 2013tti diinagdeen addunyaa wayita kufeetti diinagdeen Jarmaan kan biyyoota addunyaa hundaarra fooyya’a ta’u ministirichi yaadachiisaniiru.

Guddina itti fufiinsaa diinagdeechaaf indaastirii xixiqaa fi giddugaleessaaf xiyyeeffaannoo laatamee sababa olaanaa ta’u eeraniiru.

Ityoophiyaanis indaastirii xixiqaa fi giddugaleessaa indaastirii olaanoo waliin walitti hidhuun hojjechuun guddina diinagdee biyyaaf dabaluuf imaammata indaastirii qopheessaa jiraachuus ibsaniiru.

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
Karaa Yuutyuubii keenyan nu hordofuuf FBC Afaan Oromoo subiskiraayib godhaa.
Karaa marsariitii (weebsaayitii) keenya fanabc.com/afaanoromoo nu hordofaaa.
Twiitara keenya https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.