Fana: At a Speed of Life!

Riifoormiin diinagdee akka biyyaatti gaggeeffamee damee Albuudaf xiyyeeffannoo guddaa kennuu himame

Finfinnee, Muddee 7, 2013 (FBC) – Riifoormiin diinagdee akka biyyaatti gaggeeffamee damee Albuudaf xiyyeeffannoo guddaa kennuu Sadarkaa Itti Aanaa Preezdaantii Mootummaa Naannoo Oromiyaatti Qindeessan Kilaastara Misooma Baadiyaa Dooktar Girmaa Amantee himan.
Guyyaa har’as mariin rakkoolee gama Albuudaan jirani hiikuufi karaa hawaasaa fayyadama taasisuu danda’amuu irratti Abbaan Taayitaa Misooma Albuudaa magaalaa Bishooftutti gaggeessaa jira.
Waltaajjii kanarrattis rakkooleen dameen Albuuda akka hin guddanne taasisaan keessa muraasni hojimata seeran alaa,qindoominaan hojjechuu dhaabuu,qaamoota dhimmii isa ilaalatuuf hojii hubannoo uumuu kennamuu dhiisuufi hanqinaa muuxannoo jirachuun dhimmoota akka ijootti ka’an ta’uu ibsameera.
Gama biraatti immoo waldaaleen hojii Albuuda irratti hojjechuu barbaadanis jalqabaa irratti maallaqaa % 30 qopheeffachuun % 70 immoo dhaabbilee liiqaa kennaan irraa liiqaa fudhachuu gara misoomaa Albuudatti seenu danda’uus jedhameera.
Akka OBN gabaasetti, akkasumas Aboottiin qabeenya damee Albuuda irraatti invastii taasisuu barbaadan immoo jalqabaa irratti beenyaa kanfaluunifi meeshaalee hundaa of-qopheessachuun eeyyama argachuu akka danda’aan Daayrektarrii Olaanaa Bulchiinsa Albuudaa fi Eeyyama kenisiisa obbo Zawuduu Taaddasaa himaniiru .
Daayrektarri Olaanaa Abbaan Taayitaa Misooma Albuudaa obbo Tesfaayee Magarsaa kan dura misoomni Albuuda irratti gaggeeffame ture uummataa naannoo sana kan fayyaduu osoo hin taanee kan miidhaa ture jedhan.Rakkoo kana furufis hojjetamaa jira jedhaniiru.
Sadarkaa Itti Aanaa Pireezdaantii Mootummaa Naannoo Oromiyaatti Qindeessan Kilaastara Misooma Baadiyaa Dooktar Girmaa Amantee gama isaaniin Riifoormiin diinagdee akka biyyaatti gaggeeffame misooma Albuudaf xiyyeeffannoo guudda kennamuu himan.
Akkasumas dame kanarratti hanqinni beekumsa waan jiruf Moodeel kan qopheessun barbaachise jedhameera.
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
Karaa Yuutyuubii keenyan nu hordofuuf FBC Afaan Oromoo subiskiraayib godhaa.
Karaa marsariitii (weebsaayitii) keenya fanabc.com/afaanoromoo nu hordofaaa.
Twiitara keenya https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.