Fana: At a Speed of Life!

Magaalaa Finfinneetti lafti kaaree meetirri miiliyoonni 13 ol karaa seeraan alaan weerarameera- Aadde Adaanach Abeebee

Finfinnee, Muddee 7, 2013 (FBC) – Magaalaa Finfinnee aanaalee 121 keessatti lafti kaaree Meetirri miiliyoonni 13 fi kumni dhibbi 5 fi kumni 23 ol karaa seeraan alaan weeararamuu itti aantuu kantibaan magaalaa Finfinnee aadde Adaanach Abeebee ibsan.
Rakkoon weerara lafaa kun hundee kan jabeeffatee fi kan bubbule ta’uu ibsaniiru.
Weerarichi kutaa magaalaa hunda keessa kan jiru yoo ta’u, Boolee, Eekkaa, Nifaas Silk Laaftoo,Aqaaqii Qaallittii fi Gullalleetti daraan kan heddumatu ta’uu eeraniiru.
Gocha kana keessatti dhaabbileen amantaa fi Riil Isteetiin sadarkaa duraan kanneen hirmaatan ta’uu eerrameera.
Dhaabbileen misooma Riil Isteetii lafa kaaree Meetira kuma dhibba 1 fi kuma 84 fi 208, dhaabbileen amantaa lafa kaaree Meetira kuma 97 ol karaa seeraan alaan qabachuu ibsameera.
Naannoon seeraan ala hundaa’an 64 lafa kaaree meetira miiliyoona 6.8 seeraan ala weeraruu fi lafa karee meetira miiliyoona 1.3 irratti dallaan seeraan ala dalleeffamee argamuu himameera.
Weerara lafaa kanarratti qaamoleen hirmaatan hedduu ta’anis, ka’umsi madda rakkichaa olaanaan dhaabbilee mootummaa ta’uu aadde Adaanach eeraniiru.
Hoggantoonni mootummaa, hojjettoonni mootummaa fi kanneen isaan faan hidhata qaban faddaaltoonni, abbootiin qabeenyaa, dhaabbileen amantaa gocha seeraan alaa kana keessatti adda durummaan kan hirmaatan ta’uu ibsaniiru.
Keessattuu wayita mootummaan dhimmoota garaagaraan muddama keessa jiru gochaan seeraan alaa kun bal’inaan raawwatamuu eeraniiru.
Hojii weerara seeraan alaa kana sirreessuu fi ittisuuf hojii mootummaan eegale jiraattoonni magaalichaa haaluma amma eegalaniin deeggarsa barbaachisu akka taasiisan waamicha dhiyeessaniiru.
Maddi:-TOI
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
Karaa Yuutyuubii keenyan nu hordofuuf FBC Afaan Oromoo subiskiraayib godhaa.
Karaa marsariitii (weebsaayitii) keenya fanabc.com/afaanoromoo nu hordofaaa.
Twiitara keenya https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.