Fana: At a Speed of Life!

Tarsiimoo misoomaa waggaa 10niin waggaatti galii dhuunfaa giddugaleessan Doolaara kuma 2 qaqqabsiisuuf karoorfame

Finfinnee, Muddee 6, 2013 (FBC) – Tarsiimoo misoomaa waggaa 10 Komishinii Pilaanii fi Misoomaa haaraa ilaalchisee miidiyaalee Ityoophiyaa keessatti argaman waliin mariin gaggeeffameera.
Itti aanaan komishinaraa Komishinii Pilaanii fi Misoomaa Dooktar Narraa Gabayyoo tarsiimoon waggaa 10 karoora waloo ta’u isaan ogeeyyii miidiyaa hirmaachisuun barbaachisa ta’u ibsaniiru.
Karoora tarsiimoo misoomaa kanarratti qorannoon ka’umsaa dhaabbilee 12 olii, dhaabbileen biyya keessaa fi alaa, ogeeyyiin waldaalee, ogeeyyiin walabaa fi dhaabbilee mootummaa hirmaachuu eeraniiru.
Komishinichi maalii fi akkamitti akka hojjetu yaadni ka’umsaa Muummee Ministiraa FDRI Abiy Ahimadiif dhiyaachuu Dooktar Namarraan kaasaniiru.
Muummee Ministiraa FDRI Abiy Ahimadis tokkoon tokkoo dhaabbilee raawwachiiftuu karoora mataa isaanii akka qopheessan kallattii kaa’uu ibsaniiru.
Haala tarsiimoo misoomaa kanaan oomishni waliigalaa bara 2013 hanga 2022tti giddugaleessan %10 akka guddatu eerrameera.
Tarsiimoo misoomaa waggaa 10 kanaan waggaatti galiin dhuunfaa giddugaleessan %8 guddachuun bara 2022tti Doolaara kuma 2 fi 201 qaqqabsiisuuf kan karoorfame yoo ta’u, hiyyummas walakkaa oliin hir’isuuf karoorfamuu Dooktar Namarraan himaniiru.
Hojii dhabdummaa magaalotaa bara 2012 %18.7 ture bara 2022tti %9 hir’isuuf karoorfamuu eeraniiru.
Gama fayyaan fiixee umrii bara 2012 %65.5 irra ture bara 2022tti %68tti ol giddusuuf galmi qabamuu himaniiru.
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
Karaa Yuutyuubii keenyan nu hordofuuf FBC Afaan Oromoo subiskiraayib godhaa.
Karaa marsariitii (weebsaayitii) keenya fanabc.com/afaanoromoo nu hordofaaa.
Twiitara keenya https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.