Fana: At a Speed of Life!

Oromiyaatti tuurizimiin waggota shanan dhufanitti dargaggoota kuma dhibba 5f carraa hojii uumuuf karoorfame

Finfinnee, Muddee 6, 2013 (FBC) – Oromiyaatti tuurizimiin waggota shanan dhufanitti dargaggoota kuma dhibba 5f carraa hojii uumuuf karoorfamuu Komishiniin Tuurizimii Oromiyaa beeksiseera.
Komishiniin Tuurizimii Oromiyaa Oromiyaa Tuuristootaaf sadarkaa tokkoffaatti filatamtuu taate taasiisuuf hojjechaa jiraachuu Komishinarri Komishinii Tuurizimii Oromiyaaa aadde Lalisee Dhugaan ibsaniiru.
Ga’ee qabeenyi Tuurizimii guddina diinagdee biyyaa fi carraawwan hojii uumuuf qabu hubachuun xiyyeeffannoo mootummaan naannoo Oromiyaa seektarichaaf laate milkeessuuf ciminaan hojjechaa jiraachuu Aadde Lalisee Dhugaa ibsa miidiyaaleef laataniin beeksisaniiru.
Aadde Laliseen hojiiwwan erga Komishinichi hundeeffamee ji’oota shanan darban keessatti hojjetamanii fi sochii gara fuulduraa irratti ilaalchisee ibsa kennanirru.
Aadde Lalisee Dhugaa akka jedhanitti seektarri tuurizimii waggoottan shanan dhufanitti akka Oromiyaattii dargaggoota kuma dhibba 5 carraa hojii uumuu fi hawaasa naannichaa fayyadamaa taasisuufis ciminaan hojjetamaa jira.
Sadarkaa biyyaatti Oromiyaa Tuuristootaan sadarkaa Tokkoffaatti filatamtuu Taasisuuf Komishinichi qabeenya tuurizimii Oromiyaan qabdu qorachaa, galmeessaa fi qindeessaa jira jedhan.
Komiishinichi iddoowwan hawwata tuurizimii naannichaa bifa ammayyaa’aa fi si’oomina qabuun beeksisuu fi misoomsuuf kaayyoo godhatee kan hundaa’e ta’uus ibsaniiru.
Qabeenya tuurizimii akka biyyaatti adda ba’an, kan akka Haroo Wancii, misoomsuuf hojjetamaa jiraachuu ragaan Biiroo Dhimmoota Koominikeeshinii Mootummaa naannoo Oromiyaarraa argame ni agarsiisa.
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
Karaa Yuutyuubii keenyan nu hordofuuf FBC Afaan Oromoo subiskiraayib godhaa.
Karaa marsariitii (weebsaayitii) keenya fanabc.com/afaanoromoo nu hordofaaa.
Twiitara keenya https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.