Fana: At a Speed of Life!

Adeemsi ce’umsaa naannoo Tigraayitti jalqabame naannichaatti bu’uura demookiraasiifi bulchiinsa gaarii kan kaa’u ta’uu himame

Finfinnee, Muddee 5, 2013 (FBC) – Adeemsi ce’umsaa naannoo Tigraayitti jalqabame naannichaatti bu’uura demookiraasiifi bulchiinsa gaarii kan kaa’u ta’uu Hojii Raawwachiisaa Olaanaa Bulchiinsa yeroo Naannoo Tigraayi Dooktar Muluu Naggaa himan.
Adeemsa ce’umsaarratti ummanni bulchinsa yeroo filannaa, haala gaariin raawwatamaa jiraachuu, Dooktar Muluun himaniiru.
Murni ABUT ummata naannichaa tokko shaneen gurmeessuunii fi dhiibbaa siyaasa qaqqabsisuun ukkamsee akka ture yaadachisuun amma garuu bilisummaa argateera jedhan.
Haluma kanaan adeemsi ce’umsaa naannichatti adeemsifamaa jiru bu’uura demookirasii fi bulchiinsa gaarii kan ka’uu ta’u himaniiru.
Adeemsa kanarratti hoggantoonni morkattoota paartiilee siyaasas gaheesaanii bahachuurratti akka argaman himaniiru.
Miidiyaan juuntaan ummata ittiin burjajeessa ture odeeffannoo dhugaa ummataaf akka dhiyeessan gochuuf hojjetmaa jira jedhan Dooktar Muluun.
Tajaajilli Oduu Ityoophiyaa akka gabaasetti, Bulchiinsoota sadarkaa sadarkaan jiran muuduu fi misoomawwan bu’uuraa barbada’an deebisanii ijaaruun tajaajila akka kennan gochuuf Bulchinsi yeroo Tigraay hojjachaa jira jedhameera.
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
Karaa Yuutyuubii keenyan nu hordofuuf FBC Afaan Oromoo subiskiraayib godhaa.
Karaa marsariitii (weebsaayitii) keenya fanabc.com/afaanoromoo nu hordofaaa.
Twiitara keenya https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.