Fana: At a Speed of Life!

Muummeen ministiraa Eswaatinii Covid-19 du’an

Finfinnee, Muddee 5, 2013 (FBC) –Muummeen ministiraa Eswaatinii Covid-19 du’aan boqotaniiru.
Mootummaan Eswaatinii akka jedhetti Muummeen Ministiraa Ambrose Dlaamini erga vaayrasii koroonaan qabamuunsaanii beekamee baatii tokkoon booda boqatan.
Ibsi mootummaa biyyatti akka jedhetti, Dlaaminii kan umuriin waggaa 52ffaa isaanitti, hospitaala Afriikaa Kibbaa keessatti du’an.
Sababiin du’a isaanii eerame kan hinjirre yoo ta’u, garuu Dlaaminii Afriikaa Kibbaatti Covid-19f wallaansa argataa turan.
Dlaaminii muummee ministiraa Eswaatiini Onkolooleessaa bara Faranjoota 2018 irraa kaasee kan duraan Swaazlaand jedhamuu beekamu turan.
Eswaatiinis biyyi Afriikaa Kibbaa xiqqoo fi kan kara galaanaa hin qabnedha.
Biyyattii ummata miliyoona tokko qabdu tunis namoonni 6,768 vaayirasii koroonaan yoo qabaman, 127 ammoo sababiidhuma kanaan du’usaanii Ministirri fayyaa biyyattii beeksiiseera.
Maddi:- BBC
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
Karaa Yuutyuubii keenyan nu hordofuuf FBC Afaan Oromoo subiskiraayib godhaa.
Karaa marsariitii (weebsaayitii) keenya fanabc.com/afaanoromoo nu hordofaaa.
Twiitara keenya https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.