Fana: At a Speed of Life!

Naannoo Oromiyaatti kenni tajaajila lammummaa mata duree “Biqiltuu ni kunuunsina, Aramaa ni Buqqifna! Jedhuun raawwatamaa jira

Finfinnee, Muddee 3, 2013 (FBC) – Naannoo Oromiyaatti kenni tajaajila lammummaa mata duree “Biqiltuu ni kunuunsina, Aramaa ni Buqqifna! Jedhuun raawwatamaa jira.
Haaluma kanaan nannoo Oromiyaa bakkeewwan garagaraatti hojii kunuunsa biqiltuu, qulqullina naannoo fi arjoomni dhiigaa taasifameera.
Bu’uuruma kanaan, Dargaggoonii fi qaamoleen hawaasa garagaraa Godina Iluu Abbaa Boor, Magaala Mattuu, Aanaa Mattuu fi Aallee hojii tajaajila lammummaan biqiltuu Ganna darbe dhaabbate duulaan kunuunsaaniiru.
Akkasumaas, Hojjattoonni mootummaa fi Jiraattonni Magaalaa Jimmaa, Bulchiinsa magaalaa Sabbataa, Godina Shawaa Bahaa Bulchiinsa Magaalaa Buraayyuu, Arsii Lixaa , Godina Shawaa Kaabaa, Godina Horroo Guduruu Wallagaa, Godina Harargee Bahaa Aanaa Gooroo Araddaa Biiftuu Diiramuu duulaan biqiltuu kununsaaniiru.
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
Karaa Yuutyuubii keenyan nu hordofuuf FBC Afaan Oromoo subiskiraayib godhaa.
Karaa marsariitii (weebsaayitii) keenya fanabc.com/afaanoromoo nu hordofaaa.
Twiitara keenya https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.