Fana: At a Speed of Life!

Hojjettoonni fi Hooggansi Abbaan Taayitaa Daandiiwwan Oromiyaa biqiltu Ganna darbe dhaabame Guyyaa har’aa bishaan obaasuu fi aramaa buqqisuun kunuunsaan

Finfinnee, Muddee 3, 2013 (FBC) – Hojjettoonni fi Hooggansi Abbaan Taayitaa Daandiiwwan Oromiyaa biqiltu Ganna darbe dhaabame Guyyaa har’aa bishaan obaasuu fi aramaa buqqisuun kunuunsaan.
Godina Shawaa Bahaa aanaa Ada’aa Ganda Dhankaakaa , iddooo Addaa Gaara Dhankaaka jedhamutti hojjettoonni fi hooggansi Abbaan Taayitaa Daandiiwwan Oromiyaa biqiltu Ganna darbe dhaabaman Guyyaa har’aa bishaan obaasuu fi aramaa buqqisuun kunuunsaniiru.
Ashaaraa magarisaa Gannaa bara darbeen akka biyyaatti Muummee Ministiraan duula dhaabbii biqiltuu miliyoona 4 oli dhaabbamuun isaa ni yaadatamaa.
Bu’uuruma kanaan hojjettootaa fi hoggantootni Abbaa Taayitichaa Adooleessa 21, 2012 biqiltuwwan gosoota adda addaa kuma 10,000 ol dhaabuu isaanii Daayrektarrii Olaanaa Abbaa Taayitaa Daandiwwan Oromiyaa Injiinar Dajanee Fiqaadu himaniruu.
Guyyaa har’aas biqiltuu dhaaban kunuunsaniiru. Biqiltuun dhaabaman keessaa % 90 ol latuu isaa Daayrektarichi himaniiru.
Hojiin kunuunsa biqiltuu eegale kunis itti fufiinsa akka qabaatus ibsaniiru.
Ashaaraa magariisaa bara dhufuus iddoo biqiltuuwwan barana hin latne fi akkasumas lafa jiruurratti waliin gahuuf kan bara darbeerraa dachaan dhaabuuf karoorfamuu isaa Injiinar Dajanee Fiqaadu himaniiru.
Jamiilaa Jamaaltu gabaase.
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
Karaa Yuutyuubii keenyan nu hordofuuf FBC Afaan Oromoo subiskiraayib godhaa.
Karaa marsariitii (weebsaayitii) keenya fanabc.com/afaanoromoo nu hordofaaa.
Twiitara keenya https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.