Fana: At a Speed of Life!

Kutaa ciisichaa obbo Seekkooturee keessatti boombiin harkaa 2, Shugguxiin 17 fi meeshaaleen biroo argamuu ibsame

Finfinnee, Muddee 2, 2013 (FBC) – Shakkamuun too’annoo jala kan oole abbaan Warraa intala obbo Seekkooturee obbo Abinat Hayiluushawaa har’a dhaddachaaf dhiyaatera.
Boombiin harkaa 2, shugguxiin 17 fi meeshaaleen biroo mana jireenyaa keessatti argaman kan obbo Seekkooturee ta’uu obbo Abinat dhaddachaaf ibsaniiru.
Miseensonni qorannoo Poolisii federaalaa qorannoo shakkamicharratti hojjetaa turan dhaddachaaf dhiyeesaniiru.
Mana jireenyaa shakkamaan kun keessa jiraatu keessatti sakattoo gaggeeffameen boombiin harkaa lama 2, Shugguxiiwwan 17, raasni kilaashii 30 fi meeshaaleen biroo argamuu poolisiin dhaddachichaaf eereera.
Akkasumas meeshaalee elektirooniksii argaman qorannoo teeknikaaf erguu fi qorannoo gaggeessuuf yeroon dabalataa akka laatamuuf poolisiin gaafateera.
Obbo Abinat meeshaaleen argame kutaa ciisichaa obbo Seekkooturee cufamanii turaan keessatti waan ta’aniif dhimma ana ilaallatu miti jechuun falmateera.
Dhimmicha hordofaa kan ture Manni murtii sadarkaa jalqabaa federaalaa ramaddii Araadaa dhaddacha ooleen guyyoota dabalataa 7 Poolisiif eeyyameera.
Taariik Addunyaatu gabaase.
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
Karaa Yuutyuubii keenyan nu hordofuuf FBC Afaan Oromoo subiskiraayib godhaa.
Karaa marsariitii (weebsaayitii) keenya fanabc.com/afaanoromoo nu hordofaaa.
Twiitara keenya https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.