Fana: At a Speed of Life!

Walga’ii Mana Maree Ministirootaa har’atiin karoorri biyyooleessaa waggaa 10 Ityoophiyaan saffiisaa olaanaan akka guddattu gargaaru ragga’e-Dooktar Abiy

Finfinnee, Muddee 2, 2013 (FBC)- Walga’ii Mana Maree Ministirootaa har’atiin karoorri biyyooleessaa waggaa 10 Ityoophiyaan saffiisaa olaanaan akka guddattu gargaaru kaabineen ragga’u Muummeen Ministira Dooktar Abiy Ahimad beeksisan.

Dooktar Abiy fuula Feesbuukii isaaniitin akka beeksisanitti, karoorri waggaa10 kun Ityoophaa ifa baadhidhaa Afrikaa ishee taasisaa jedhaniiru.

Karoorichi qabxiiwwan gurguddoo 10  qaba kan jedhan Dooktar Abiy  ijaarsii nageenyaa fi cee’umsi dhaabbile xiyyeeffannoo adda kan qabataniidha jedhaniru.

Manni Maree Ministirootaa labsii wixineee dhaabbilee kominikeeshiniis raggaasiseera jedhan.

Labsichi dhaabbileen kominikeeshiniis maxxansaa fi broodkaastiing kan ittiin bulan ta’ee, miidiyaa hawaasaaf yeroo jalqabaaf kan hojiirra ooludha j.

Labsiin dirqamaa fi itti gaafatamummaa damichaa bal’inaan of keessatti qabate kun, hojiirra ooluu odeeffannoo fi walabummaa preesii sadarkaa olaanaatti kan deeggarudha jedhaniiru.

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
Karaa Yuutyuubii keenyan nu hordofuuf FBC Afaan Oromoo subiskiraayib godhaa.
Karaa marsariitii (weebsaayitii) keenya fanabc.com/afaanoromoo nu hordofaaa.
Twiitara keenya https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.