Fana: At a Speed of Life!

Baatii tokko keessatti hidhattoota ABO Shanee 370 irratti tarkaanfiin fudhatame

Finfinnee, Muddee 1, 2013 (FBC)- Humni Addaa Poolisii Oromiyaa duula baatii tokko keessatti geggeesseen hidhattoota ABO Shanee 370 irratti tarkaanfii fudhachuu Paartiin Badhaadhinaa Oromiyaa beeksise.

Dabalatan hidhattoonni 176 yoo booji’amaan, 154 ummataan qabamuu kominikeeshiniin Komishinii Poolisii Oromiyaa beeksiseera.

Miseensonni ABUT Shaneef deeggarsa laachuuf ergaman 183 qabamuun isaanii ibseera.

Gama loojastiiktiin ammoo Bireenii 4 dabalatee qawween kumni 1 fi 585, rasaasni kumni 10 fi 902,  Loon 605, Re’onni 353, Harroota 54, Gaalli 48, Birriin kumni dhibbi 6 fi kumni 82 fi 680 fi maallaqni sobaa kumni dhibbi 2 fi kumni  4 to’atamu paartichii beeksiseera.

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
Karaa Yuutyuubii keenyan nu hordofuuf FBC Afaan Oromoo subiskiraayib godhaa.
Karaa marsariitii (weebsaayitii) keenya fanabc.com/afaanoromoo nu hordofaaa.
Twiitara keenya https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna

 

 

 

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.