Fana: At a Speed of Life!

Manni murtichaa Birgaadeer Jeneraal Gabramadihin Fiqaadee dabalatee hoggantoota waraanaa 7 irratti guyyaa qorannoo dabalataa 12 eeyyame

Finfinnee, Muddee 1, 2013 (FBC) – Manni murtichaa Birgaadeer Jeneraal Gabramadihin Fiqaadee (Waddii Nacoo) dabalatee hoggantoota olaanoo waraanaa 7 irratti guyyaa qorannoo dabalataa 12 poolisiif eeyyame.
Qorannoo poolisiin gaggeesseen yakkicha raawwachuu isaanii ragaan namaa fi sanadaa hedduun argamuu isaan Manni Murtii sadarkaa jalqabaa Federaalaa rammaddii 1ffaa Liddataa ajaja laachuuf dhaddacha jijjiirraa har’a ooleen Birgaadeer Jeneraal Gabramadihin Fiqaadee dabalatee hoggantoota olaanoo waraanaa 7 irratti guyyaa qorannoo dabalataa poolisiif 12 eeyyameera.
Qorannoo hafe xumuruuf guyyoonni dabalataa 12 ga’aadha jechuun Poolisiif kan eeyyame manni murtichaa gaaffii shakkamtoonni meeshaan qorannoo dhibee sukkaaraa akka galuuf gaafatan fudhateera.
Haaluma kanaan Kiitiin qorannoo dhibee sukkaaraa akka galu, yookaa mana sirreessaa keessatti hordofiin yaalaa akka taasiifamuuf ajajeera.
Dabalataan manni murtichaa gaaffii dhorkamni lakkoofsa herreega baankii akka ka’uuf shakkamtoonni dhaddacha kaleessarratti dhiyeessan qorachuun Abbaan Alangaa waliigalaa sababa dhorkamicha itti kaa’e irratti yaada akka dhiyeessuu ajajeera.
Taariik Addunyaatu gabaase.
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
Karaa Yuutyuubii keenyan nu hordofuuf FBC Afaan Oromoo subiskiraayib godhaa.
Karaa marsariitii (weebsaayitii) keenya fanabc.com/afaanoromoo nu hordofaaa.
Twiitara keenya https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.