Fana: At a Speed of Life!

Hoggantoonni Paartii Badhaadhinaa naannoo Kibbaa hojmaata, ijaarsaa fi ergama paartichaarratti marii eegalan

Finfinnee, Sadaasa 30, 2013 (FBC) – Hoggantoonni Paartii Badhaadhinaa naannoo Kibbaa hojmaata, ijaarsa, ergama paartichaa fi haala waqtaawaa irratti magaalaa Hawaasatti marii gaggeessaa jiru.

 

Waltajichi hoggansi naannichaa haala qabatamaa yeroorratti hubannoo akka argatuuf kan qophaa’e ta’uu itti gaafatamaan waajjira Paartii Badhaadhinaa naannoo Kibbaa obbo Xilahuun Kabbadaan ibsaniiru.

 

Haala qabatamaa biyyaalessaa fi naannoorratti mari’achuun karoora ergama hoggansaa fi miseensootaa qopheessuuf hubannoo waloo qabachuuf kan gargaaru ta’uu eeraniiru.

 

Waltajjii guyyoota lamaaf kan ture yoo ta’u raawwii hojii kurmaanaa fi karoora hafe irratti mari’achuun kallattiin kan kaa’amu ta’uu ragaan Biiroo Dhimmoota Koominiikeeshinii mootummaa naannichaarra argame ni muul’isa.

 

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.

 

Karaa Yuutyuubii keenyan nu hordofuuf FBC Afaan Oromoo subiskiraayib godhaa.

 

Karaa marsariitii (weebsaayitii) keenya fanabc.com/afaanoromoo nu hordofaaa.

 

Twiitara keenya https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.