Fana: At a Speed of Life!

Godina Jimmaa fi magaalaa Jimmaatti bara 2012 namoota kuma 200 oliif qorannoon H I V Edsii geggeeffame

Finfinnee, Sadaasa 30, 2013 (FBC) – Godina Jimmaa fi magaalaa Jimmaatti bara 2012 namoota kuma 200 oliif qorannoon H I V Edsii geggeeffame.
Namoota 288,066 qoronnoon HIV Eedsii kan taasifameef yoo ta’u namoot 654 irratti vaayrasichii argamuu isaati kan himame.
Kana males, yeroo amma namootni 7,194 qoricha farra HIV eedsii fudhataa jiraachuu isaanii waajjira Eegumsa Fayyaa Godina Jimmaatti qindeessaan dhibee daddarboo obbo Fu’ad Saabit Faanaa Biroodkaastiingi Koorporeetitti himaniiru.
Guyyaa har’aa barreeffamni gababaan HIV eedsiratti dhiyaatee mariin irratti taasifameera.
Barreeffamichaanis manneen shiishaa fi shubbisaa babal’achuun isaanii tatamsa’ina vaayrasichaaf haala mijaahaa uumuu isaati kan himame.
Sirnicharratti kan argaman bulchaan bulchiinsa godina Jimmaa obbo Abdulhakim Muluu, tatamsa’insa vaayrasichaa hir’isuuf qaamooleen mootummaa, jaarsoolii fi abbootiin amantii qindoominaan hojjaachu qabu jedhaniiru.
Muktaar Xahaatu gabaase.
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
Karaa Yuutyuubii keenyan nu hordofuuf FBC Afaan Oromoo subiskiraayib godhaa.
Karaa marsariitii (weebsaayitii) keenya fanabc.com/afaanoromoo nu hordofaaa.
Twiitara keenya https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.