Fana: At a Speed of Life!

IGAD wayita ammaa naannoo tokkummeessuurratti xiyyeeffateera – Dooktar Warqinaa Gabayyoohu

Finfinnee, Sadaasa 30, 2013 (FBC) – Barreessaa olaanaan Mootummoota Misoomaa Baha Afrikaa (IGAD) Dooktar Warqinaa Gabayyoohu dhaabbatichi yeroo ammaa naannoo tokkummeessurratti xiyyeeffannoo taasiisuu beeksisaniiru.
Dooktar Warqinaan koree ambaasaaddarootaa, hojjetootaa dhaabbatichaa bakka hundaa walitti babba’an, deeggartoota misoomaa fi lammiilee biyyoota miseensa dhaabbatichaa waliin viidiyoo konfaransiin mari’ataniiru.
Afrikaanoonni akka Ardii tokkoo osoo hin taane akka biyya tokkoo ta’uu qabu jedhan.
Barri 2020 bara sodaan weerara vaayrasii koroonaa, hoomaa awwaannisaa fi balaan lolaa olaanaan itti muudate ture jedhan.
Wayita marichaa weerara vaayrasii koroonaa ittisuuf ogeeyyiin yaala fayyaa wareegama olaanaa kaffalan yaadatamaniiru.
Weerara kana hordofuun IGAD biyyoota miseensaa isaaf deeggarsa ariifachiisaa taasiisuu ibsameera.
Hanga ammaatti lammiileen biyyoota miseensa dhaabbatichaa kumni dhibbi 2 fi kumni 50 ol vaayrasichaan qabamuu fi namoonni kumni 5 ol ammoo lubbuu isaanii dhabuu marichaan ibsameera.
Weerarri hoomaa awwaannisaa naannicha muudate waggoottan 25 as isa olaanaa ta’uu himameera.
Dabalataan naannichatti namoonni miiliyoonni 50 ta’an balaa wabii midhaan nyaataaf saaxilamuu eerrameera.
Barreessaa olaanaan Mootummoota Misoomaa Baha Afrikaa (IGAD) Dooktar Warqinaa Gabayyoohu sababa balaa lolaan lammiileen miiliyoonni 2.4 miidhamuu ibsaniiru.
Lammiileen kumni dhibbi 7 ol ammoo sababa balaa lolaan qa’ee fi qabeenya isaanirraa buqqa’uu eeraniiru.
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
Karaa Yuutyuubii keenyan nu hordofuuf FBC Afaan Oromoo subiskiraayib godhaa.
Karaa marsariitii (weebsaayitii) keenya fanabc.com/afaanoromoo nu hordofaaa.
Twiitara keenya https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.