Fana: At a Speed of Life!

Hoggantoonni Olaanoo Bulchiinsa Magaalaa Adaamaa Dhalattoota Tigiraay Magaalaa Adaamaa keessa jiraatan walii haala waqtaawaa irratti mari’atan

Finfinnee, Sadaasa 30, 2013 (FBC) – Hoggantoonni Olaanoo Bulchiinsa Magaalaa Adaamaa Dhalattoota Tigiraay Magaalaa Adaamaa keessa jiraatan walii haala waqtaawaa irratti mari’atan.
Hoggaanan Paartii Badhaadhina magaalaa Adaamaa obbo Alamayyoo Tulluu fi hogganaa damee siyaasa Paartii Badhaadhinaa Magaalichaa obbo Abduljaliil Abdurroo maricha gagggeessaa jiru.
Hoogganaa damee siyaasa Paartii Badhaadhinaa obbo Abduljaaliil Abdurroo akka himanitti kaayyoon marii kanaa Naannoo Tigiraayi haala akkamiin deebisanii ijaaruu fi qaamota farreen nageenyaa ta’an ummata Tigiraayi bakka kan hin buunee seeratti dhiyeessuun naannoo Tigiraayi iddoo Nageenyaa taasisuu irratti kan xiyyeeffatudha jedhaniiru.
Akkasumas qaamonni farreen nageenyaa ta’an kunneen biyyattiitti walitti bu’insi sabaafi saba irratti, amantaafi amanta irratti fi heera biyyattin ittin gaggeeffamtu kabajuu dhiisuun rakkooleen gara garaa akka uumamuuf hojjechaa akka turan himaniiru.
Dabalataan haleellaa garee badii kunneen Raayyaa Ittisa Biyyatti ajaja Kaabaa irratti raawwate hojii hamaa gara jabeenuyaati jedhan.
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
Karaa Yuutyuubii keenyan nu hordofuuf FBC Afaan Oromoo subiskiraayib godhaa.
Karaa marsariitii (weebsaayitii) keenya fanabc.com/afaanoromoo nu hordofaaa.
Twiitara keenya https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.