Fana: At a Speed of Life!

Waggoota lamaan darbanitti hojiiwwan jijjiiramaa raawwate keessa qabiinsi mirga namoomaa sirreeffamtoota fooyya’uu ibsame

Finfinnee, Sadaasa 29, 2013 (FBC)- Komishiniin manneen amala sirreessaa federaalaa waggoota lamaan darbanitti hojiiwwan jijjiiramaa raawwate keessa qabiinsa mirga namoomaa sirreeffamtoota fooyyeesuu ta’uu Abbaan Alangaa Federaalaa beeksise.

Guyyaan mirga namoomaa idil addunyaa mata duree ‘mirga namoomaa kabajuuf ha hojjennu’ jedhuun mana amalaa sirreessaa Qaalitittii qophilee garaagaraan kabajamaa jira.

Itti aanaa Abbaa Alangaa Federaalaa Tasfaayee Daabbaa akka ibsaniitti, jijjjiirrama biyyaa hordofeen dhaabbilee jijjiirraan hojimataa itti taasifame keessaa komishiniin manneen amalaa sirreessaa isaa jalqabaati jedhan.

Waggoottan 27n darbanitti miidhaan mirga namoomaaa keessaatti raawwatama kan ture inni jalqaba manneen amalaa sirreessaati jedhaniiru.

Komishinichi yeroo amma kanas haala gaarirra akka jiru ibsaniiru.

Maddi:-TOI

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
Karaa Yuutyuubii keenyan nu hordofuuf FBC Afaan Oromoo subiskiraayib godhaa.
Karaa marsariitii (weebsaayitii) keenya fanabc.com/afaanoromoo nu hordofaaa.
Twiitara keenya https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.