Fana: At a Speed of Life!

Yakka biyya ganuu fi sarbama mirga namoomaan kan shakkaman warreen hoggantoota komishinii Poolisii Finfinnee turan irratti ajajni qabamu ba’e

Finfinnee, Sadaasa 28, 2013 (FBC) – Yakka biyya ganuu fi sarbama mirga namoomaan kan shakkaman hoggantoota komishinii Poolisii Finfinnee kanneen turan irratti ajajni qabamu ba’uu Komishiniin Poolisii Federaalaa beeksise.

Shakkamtoonni kunneen itti gaafatamummaa ummataa fi mootummaan itti laatame cinaatti dhiisuun garee finxaaleyyii ABUT teessoo isaa Tigraay taasiise irraa egama fudhachuun humnaan gara aangotti dhufuuf sirna heera mootummaa diiguuf socho’aa turuu Komishinichi beeksiseera.

Hoggantoota Komishinii Poolisii magaalaa Finfinnnee sadarkaa garaagararraa turan yakka biyya ganuu fi sarbama mirga namoonaan shakkaman 10 irratti ajajni qabamuu ba’eera.

1.Komaandar Solomoon Abirhaa Bisiraat

2.Komaandar Haylamaariyaam Birhaanee Gabramaariyaam

3.Itti Aanaa Inispeektaraa Kibroom Gabruu Gabra Igzi’abiheer

4.Itti Aanaa Inispeektaraa Aaragaawwii Gabra Hiwoot Asfaw

  1. Gargaaraa Inispeektaraa Gazaa’ii Gabar hiwoot Gabra Sillaasee
  2. Gargaaraa Inispeektaraa Tasfaa Kiroos Gidaay
  3. Gargaaraa Inispeektaraa Ari’aayaa Gabra Anaaniyaa Kidaanuu
  4. Gargaaraa Inispeektaraa Solomoon Walaay Walda Abzigii 9.Saajiin Olaanaa Haaylaay Walduu Gabramaariyaam 10.Saajiin Olaanaa Haftuu Kaahsaay Abrahaa fa’i.

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.

Karaa Yuutyuubii keenyan nu hordofuuf FBC Afaan Oromoo subiskiraayib godhaa.

Karaa marsariitii (weebsaayitii) keenya fanabc.com/afaanoromoo nu hordofaaa.

Twiitara keenya https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.