Fana: At a Speed of Life!

Inistitiyuutiin Qorannoo Qonnaa Oromiyaa fi Inistitiyuutiin Saayinsii Ikooloojii Appilaayidii Chaayinaa damee qorannoo qonnaarratt waliin hojjechuuf sanada waliigaltee mallatteessan

Finfinnee, Sadaasa 28, 2013 (FBC) – Inistitiyuutiin Qorannoo Qonnaa Oromiyaa fi Inistitiyuutiin Saayinsii Ikooloojii Appilaayidii Chaayinaa damee qorannoo qonnaarratt waliin hojjechuuf sanada waliigaltee mallatteessan.
Dhaabbileen lamaan waliin ta’uun hojiilee misoomaa fi qorannoowwan qonnaa, naannawaa, haala teessuma lafaa, ogeessota damicharratti bobba’aniif carraa barnootaa kennuufi deeggarsa maallaqaa barbaaduun humna namaa ijaaruuf waliigalteerra gahaniiru.
Damicha qorannoo fi invastimantiin deeggaruun barbaachisaa akka ta’es himaniiru.
Dameen qonnaa dinagdee Ityoophiyaa keessatti gahee murteessaa akka qabu Ambasaaddar Tashoomaa Toogaa sagantaa mallattichaarratti dubbataniiru.
Guddina diinagdee waggoottaniif walitti aanuun galmaa’eef dameen qonnaa gahee olaanaa kan qabu ta’us, damicha ammayyeessuufi tiraanisfoormeeshinii qonnaa fiduun hin danda’amne jedhaniiru.
Sababa kanaaf ammoo jireenyi lammiileen damichan bulanii akka hin fooyyofne himanii,
mootummaan damicha misoomsuun wabii nyaataa mirkaneessuun, omishtummaasaa harka lamaa ol guddisuuf hojjechaa jira jedhaniiru.
Wiirtuun Qorannoo Qonnaa fi Naannawaa Ityoophiyaa Chaayinaatti hundeessuu fi akkasumas wiirtuu walfakkataa Ityoophiyaatti hundeessuuf hojjetamaa akka jiru Imbaasii Ityoophiyaa Chaayinatti argamurraa odeeffanne.
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
Karaa Yuutyuubii keenyan nu hordofuuf FBC Afaan Oromoo subiskiraayib godhaa.
Karaa marsariitii (weebsaayitii) keenya fanabc.com/afaanoromoo nu hordofaaa.
Twiitara keenya https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.