Fana: At a Speed of Life!

Guyyaan qaama miidhamtootaa sadarkaa Oromiyaatti magaalaa Jimmaatti kabajamaa jira

Finfinnee, Sadaasa 28, 2013 (FBC) – Guyyaan qaama miidhamtootaa Addunyaa akka Oromiyaatti mata duree ‘weerara dhibee COVID-19 booda Addunyaa miijattuu fi itti fufiinsa qabu” magaalaa Jimmaatti kabajamaa jira.
Ayyaanichi akka adunyaatti yeroo 29ffaaf, akka biyyaatti yeroo 28 fi akka Oromiyaatti yeroo 19 kabajamaa jira.
Ayyaanichi guyyaa kaleessa agarsiisa baazaarii fi fiigicha paaraa Olompik qaama miidhamtootaan gaggeefameera.
Qaama miidhamaa ta’un dandeetti qabnutti fayyadamuu fi agarsiisuuf wanti dhorku hin jiru.
Kanaafu qaama miidhamtoonni dandeetti qabanitti kallatti kamuunu fayyadamuun akkuma namoota biroo ijaarsa biyyaa keessatti ga’ee isaanii ba’aachuu danda’uu jechuun preezdantiin federeshinii qaama miidhamtoota Oromiyaa obbo Daraaraa xaafoon haasaa baniinsaa taasisaniiru.
Kantiibaan magaalaa Jimmaa obbo Tijaanii Naasiir,”qaama miidhamtoonni hayyootaa fi qabsaawoota sabaati. akkasumas hojii kalaqxoota. Kanaaf qaama miidhamaa ta’uun waan hojjechuu qabnu irraa nama hin dhoorku” jedhaniiru.
Hoggantuun Biiroo Hojjetaa fi Hawaasummaa adde Jamiilaa Sinbiruu,”dhiimmii qaama miidhamaa kan nama dhuunfaa fi maatii osoo hin taanee dhiimma biyyaati” jedhan.
Ityoophiyaan qaama miidhamtoota hirmaanna hunda galeessa ta’ee akka qabaatanii fi hojilee kamu keessatti hirmaachuu akka danda’aanif hojjetamaa jiraachuu addee Jamiilaan himaniiru.
Hawaasni qaama miidhamtootaaf ilaalcha boodatti hafaa ta’e akka hin qabaannees dhaamaniiru.
Ayyaanicha irrattiis Bulchaan bulchiinsa Godina Jimmaa, hooggantonni waajjiira mootummaa garagaraa fi qaama miidhamtonni hirmaataniiru.
Galmi giddugala qaama miidhamtotaa itti ijaaramu lafa kaare metirii 1000 magaalaa Jimmaatti ijaaramuuf iddoon ijaarsaa akka kennamuu bulchiinsi magaalaa jimmaa himeera.
Jamiilaa Jamaaltu gabaase.
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
Karaa Yuutyuubii keenyan nu hordofuuf FBC Afaan Oromoo subiskiraayib godhaa.
Karaa marsariitii (weebsaayitii) keenya fanabc.com/afaanoromoo nu hordofaaa.
Twiitara keenya https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.