Fana: At a Speed of Life!

Ajjeechaa Jamaal Kaashogiin walqabatee namoota 5 irratti murtiin du’aa darbe

Finfinnee, Muddee 13, 2012 (FBC) – Ajjeechaa gaazexessaa Jamaal Kaashogiin walqabatee namoota 5 irratti murtiin du’aa darbe

Manni murtii Saawud Arabiyaa ajjeechaa gaazexessaa Jamaal Kaashogii bara darbee raawwatameen walqabatee namoota shan irratti du’a murteessuu isaa, abbaan alangaa biyyattii beeksise.

Kaashogii gaazexessaa motummaa Saawud qeequun kan  beekamudha.

Gaazexeessaan kun mooraa Imbaasii biyyatti kan biyya Tarkii Magaalaa Istaambul keessaatti ajjeefame.

Abbaan alangaa Saawud akka jedheetti, kunis bu’aa ”gocha gara jebiinaan guutame” jechuun namoota kan biraa maqaan hineeramiin 11 himannaa irratti baneera.

Barreessaan addaa Angas Kaallaarm ajjeechaa kanaan walqabatee ilmi Mootii Saawud bin Saalmaan akka qoratamuuf gaafatee ture.

Ilmi motichaa garuu gochicha keessaa harka qabaachuu kan haale yoo ta’u, garuu ammoo Onkololeessa keessa akka hogganaan Saawud itti gaafatamummaa guutuu akka fudhatu himee ture.

Walumaa galattis, ajjeechaan gaazexessaa kunis addunyaa guutuutti mata duree dubbii ta’ee kan ture yoo ta’u, motummaa Saawudirrattis qeequumsa olaanaa qaqabsiiseera jechuun BBCtu gabaase.

 

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.