Fana: At a Speed of Life!

Rakkooleen Hidha Haaromsaa duraan turan furamanii hojii dansaan hojjetamaa jiraachuun ibsame

Finfinnee, Muddee 13, 2012 (FBC) – Rakkooleen Hidha Haaromsaa duraan turan furamanii hojii dansaan hojjetamaa jiraachuun ibsame.

Mana Maree Bakka Bu’oota Ummataatti koreen dhaabbii dhimmoota qabeenya uumamaa, bishaan, jallisii fi inarjii ijaarsi proojaktichaa sadarkaa irra jiru daawwateera.

Rakkooleen kanaan duraa furamanii, proojaktichi yeroo qabameef keessatti sadarkaasaa eeggatee akka xumuramu raawwii abdii qaburra jiraachun ibsameera.

Hojiin elektiroo meekaanikaalaa fi sibiilaa hojii siiviiliin yoo madaalamu xiqqaa ta’uu kan hubate koreen dhaabbichaa, xiyyeeffannaan akka laatamuuf akeekera.

Komii hojjetaan kaasu furuuf, hojjettoota qaama furmaataa taasisuun akka barbaachisu ibsameera.

Komii fi gaaffiin beenyaa namoota proojaktichaaf lafa isaanitirraa kaafamanii, rakkoon dhiyeessii bu’uuraalee misoomaa bulchiinsa naannoo waliin hataattamaan furamuu akka qabus korichi ibseera.

Hoji gaggeessaan proojaktichaa Injiinar Kiflee Horroon hojiin siiviilii hidhichaa %85.5, elektiroo meekaanikaalaa %29, hojiin sibiilaa %15 xumuramuu ibsan.

Raawwiin waliigalaa proojaktichaa %70, amma ammaatti baasin ba’e Birrii biiliyoonni 99 ta’uu, xumuruuf Birrii biiliyoonni 40 kan barbaachisu ta’uun ibsameera.

Proojakticha amma bara 2015tti xumuruuf yaadamee hojjetama ajiraachutu ibsame.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.