Fana: At a Speed of Life!

Qormaanni naannoo kutaa 8 sadaasa 30 hanga Mudde 2, 2013tti akka kennamu ifoomeera

Finfinnee, Sadaasa 22, 2013 (FBC)- Biiroon Barnootaa Oromiyaa kenniinsa qormaata naannoo kutaa 8ffaa fi kutaa 12ffaa irratti qooda fudhattootaaf orenteeshinii kennaama jiraachuu Biiroon Barnootaa naannoo Oromiyaa beeksise.

Sababa COVID – 19 bara darbe qormaanni naannoo fi biyyoolessaa osoo  hin kennamin hafeeera, ta’us qophii qormaataa ga’aa taasisuun qormaata naannoo kutaa 8 kennuuf qophiin taasifamuu biirichi ibseera.

Haaluma kanaan qormaanni naannoo kutaa 8 sadaasa 30 hanga Mudde 2, 2013tti akka kennamu ifoomeera.

Hogganaan Biiroo Barnoota Oromiyaa  Dooktar Tolaa Bariisoo, kenniinsa qormaata kana milkeessuuf ga’een qooda fudhattoota asitti argamtanii murteessaa waan ta’eef hunduu hojjechuu qaba jedhaniiru.

Qormaanni kennamu haqa qabeessa kan ta’e , nageenyi isaa kan eegamee fi naamusa kan qabu akka ta’uuf hojjetamaa jira jedhaniiru.

Akka naannoo Oromiyaatti barattootni qormaata naannoo kutaa 8 fudhachuuf galmaa’an kuma dhibba 4 fi kuma 68 fi 461 ta’u biirichi ibseera.

Qormaanni kutaa 12 akkuma Eejensiin Qormaata Biyyoolessaa beeksiseen kan kennamu yoo ta’u hanga sanatti barattootni qophii ga’aa taasisuu akka qaban ragaan fuula Feesbuukii Biiroo Barnoota naannoo Oromiyaarraa argannee ni muul’dhisa.

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf; Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.

Karaa Yuutyuubii keenyan nu hordofuuf FBC Afaan Oromoo subiskiraayib godhaa. Karaa marsariitii (weebsaayitii) keenya fanabc.com/afaanoromoo nu hordofaaa. Twiitara keenya

https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.