Fana: At a Speed of Life!

Qamadii alaa galu hanbisuuf hojjetamaa jira

Finfinnee, Muddee 13, 2012 (FBC) – Sharafa alaa olaanaan qamadiin alaa galan hambisuuf hojjetamaa jiraachuu Ministeerri Qonnaa beeksise.

Ministiri Ministira Qonnaa obbo Umaar Huseen qamadiin gammoojjii heektaara kuma 14 ol jallisiin misoomaa jiraachuu himaniiru.

Fuuldurattis qamadii gammooojjii bal’inaan misoomsuuf heektaara kuma 3 hojiin sanyii bay’isuu hojjetamaa jiraachu dubbataniiru.

Waggoota sadan dhufanitti qamadii gammoojjii sharafa alaa olaanaan alarraa galan hambisuuf, misoomni qamadii gammoojjii xiyyeeffannoon itti kennamee hojjetamaa jiraachuu obbo Umaar himaniiru.

Obbo Umaar qorannoon miidhaa Awwaanisaa fi roobni waqtii isaa hin eegne oomisharraan ga’e hojjetamaa jiraachuu eeruun, bu’a qoranichaa fulduratti akka ibsamu ta’uu hubachiisaniiru.

Mootummaan meeshawwaan mekanaayzeshinii qaraxarraa bilisa akka galan murteessuun, qisaasamina oomishaa hir’isuu fi oomishaa fi oomishtummaa guddisuuf kaka’umsa gaarii kan uumu ta’uu kaasaniiru.

Bara kana lafa sanyiin uwwifamaan heektaara miiliyoona 12.5 keessaa heektaarri miiliyoona 9.8 walitti qabamuu ibsuun, kan hafan torbaa lama keessatti akka walitti qabamu himaniiru.

 

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.