Fana: At a Speed of Life!

Aljeeriyaatti Ambaasaaddarri Ityoophiyaa  Nabiyaat Geetaachaw Hogganaan Dhaabbata Baqattootaa Idil-adduunyaa(IOM) waliin mari’tan

Finfinnee, Sadaasa 22, 2013 (FBC) –  Aljeeriyaatti Ambaasaaddarri Ityoophiyaa  Nabiyaat Geetaachaw Hogganaan Dhaabbata Baqattootaa Idil-adduunyaa(IOM) waliin mari’tan.

Ambaasaaddar Nabiyaat Geetaachaw Hogganaan Dhaabbata Baqattootaa Idil-adduunyaa(IOM) Paawuloo Kaaputoon hogganaa Piroojaktii kan ta’aan Filaviyaa Ji’ordaanii waliin mari’taniiru.

Turtii isaaniin lammiileen Ityoophiyaa Dhaabbata Baqattootaa Idil-adduunyaa irraa deeggarsa argachuu akkaata itti danda’anii fi tarkanfii seera kabaachiisuu mootummaan Ityoophiyaa fudhatee ilaalchisee waajjira Imbaasii FDRItti mari’ataniiru.

Ambaasaaddar Nabiyaat Geetaachaw lammiilee Bahaa Giddugaleessaarraa gara Aljeeriyaatti sababoota garagaraan godaananiif kabajni isaani eegameefii deeggarsi barbaachisu taasifamee gara biyya isaanitti akka deebi’aniif deeggarsa biiroo Aljeeriyaatti Dhaabbanni Baqattootaa Idil-adduunyaa taasiseef galateeffataniiru.

Hogganaan Waajiricha Paawuloo Kaaputoon gama isaaniin dhaabbanni isaani dhimmaa godaansaan walqabatee kabajni lammiilee eegamee akkaata gara biyyaa isaanitti deebi’an irratti haala mijeessuu fi sochii seeran alaa namoota hambisuufis hojiiwwan garagaraa kan hojjatan ta’uu himaniiru

Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.

Karaa Yuutyuubii keenyan nu hordofuuf FBC Afaan Oromoo
https://www.youtube.com/channel/UCsy_Mc1C45kRUVopA-NK10A subiskiraayib godhaa.

Karaa marsariitii (weebsaayitii) keenya fanabc.com/afaanoromoo nu hordofaa

 

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.