Fana: At a Speed of Life!

Jilli aadaa Ityoophiyaa qophiisaa Asmaraatti dhiyeesse

Finfinnee, Muddee 13, 2012 (FBC) – Jilli aadaa Ityoophiyaa qophiisaa Asmaraatti dhiyeesse.

Jilli aadaa Ityoophiyaa ministir deettaa Ministeera Aadaa fi Tuuriizimii FDRI aadde Bizuunash Masaratiin duurfame kaleessa qophiisaa Eertiraa magaalaa Asmaraa, Siniimaa Roomaatti dhiyeessera.

Koomiishiniin Aadaa fi Ispoortii Eertiraa Ambaasaaddar Zawdee Taklan muummee ministiraa Dooktar Abiy Ahimadii fi preezdaantiin Eertiraa Isaayyaas Afawarqiin nageenyi bu’ee, hariiroon ummataa akka cimu tarkaanfiin fudhatan kan nama boonsu ta’uu ibsan.

Aadde Bizuunash Masarat gama isaanitiin jilli aadaa Eertiraa magaalota Ityoophiyaa afuritti qophiisaa dhiyeessuu yaadachiisaniiru.

Jilli aadaa Ityoophiyaatis Karan, Mitsiwwaa fi Asmaraatti qophiisaa dhiyeessera.

Iddoowwan seena qabeessas daawwateera.

Sagantichaan walitti dhufeenyichi akka cimu qaamolii ga’ee taphatan marti galateeffamaniiru.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.