Fana: At a Speed of Life!

Dura taa’aan Mana Maree Cee’umsaa Sudaan Dooktar Injiinar Silashii Baqqalaa waliin mari’atan

Finfinnee, Muddee 13, 2012 (FBC) –Dura taa’aan Mana Maree Cee’umsaa Sudaan Leetanaal Janaraal Abdal Fattaah Al Buurhaan ministira Ministeera Bishaan, Jallisii fi Inarjii Dooktar Injiinar Silashii Baqqalaa waliin mari’atan.

Dura taa’ichi hariiroon Ityoophiyaa fi Sudaan daran cimsuu dinqisiifataniiru.

Dooktar Injiinar Silashii Baqqalaan hariiroo gama hundaa Ityoophiyaa fi Sudaanirratti dura taa’aa Mana Maree Cee’umsaa Sudaan Leetanaal Janaraal Abdal Fattaah Al Buurhaanii fi ministira Ministeera Bishaan, Jallisii fi Inarjii Suudaan Injiinar Yaasiir Abbaas waliin mari’ataniiru.

Dooktar Injiinar Silashii Baqqalaan ergaa fi nagaa muummee ministiraa Dooktar Abiy Ahimadirraa ergame, dura taa’ichaan ga’aniiru.

Dura taa’ichis yeroo gaarii fi guddinni dansaan itti galmaa’u hawwaniiru.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.