Fana: At a Speed of Life!

Mariin adeemsa ijaarsa Hidha Haaromsaarratti xiyyeeffate gaggeeffame

Finfinnee, Sadaasa 19, 2013 (FBC) –Adeemsa ijaarsa Hidha Haaromsaarratti mariin Imbaasiiwwan Ityoophiyaa biyyoota Eeshiyaa fi Paassifik hirmaachise gaggeeffame.

Ministeerri Dhimma Alaa FDRI adeemsa ijaarsa Hidha Haaromsaarratti marii Imbaasiiwwan Ityoophiyaa biyyoota Eeshiyaa fi Paassifik hirmaachise gaggeesseera.

Marichi Weebinaraan kan gaggeeffame yoo ta’u, hoggantoonni Mininsteera Dhimma Alaa fi hoggantoonni Imbaasiiwwan Ityoophiyaa Chaayinaa, Awustiraaliyaa, Jaappaan, Indooneezyiyaa, Kooriyaa Kibbaa fi Hind hirmaataniiru.

Marichi adeemsa  marii sadee fi dhimmoota seerarratti kan xiyyeeffate ta’u Hinditti Imbaasiin Ityoophiyaa Niwuu Deelhii beeksiseera.

Qorannoon marii sadee qindeessummaa gamtaa Afrikaan gaggeeffamaa jirurratti dhiyyeefate dhiyaachuun irratti mari’atameera.

Hojiin teeknikaa fi dhimmoonni seeraa ijaarsa hidhichaa dhiyaachuunn bal’inaan irratti mari’atameera.

Maricha Hinditti Imbaasiin Ityoophiyaa Niwuu Deelhii kan qopheesse yoo ta’u ,waltajicha  Chaayinaatti ambaasaaddarri Ityoophiyaa Tashoomaa Toogaan dursaniiru.

Ajandaa marii Isiraa’elitti ambaasaaddarri Ityoophiyaa Rattaa Alamuu fi Yuunvasiitii Finfinneetti Injiinarri qabeenya namaa Gargaaraan Proofeesaraa Dooktar Yilmaa Silashii dhiyeessaniiru.

Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.

Karaa Yuutyuubii keenyan nu hordofuuf FBC Afaan Oromoo

https://www.youtube.com/channel/UCsy_Mc1C45kRUVopA-NK10A subiskiraayib godhaa.

Karaa marsariitii (weebsaayitii) keenya fanabc.com/afaanoromoo nu hordofaaa.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.