Fana: At a Speed of Life!

Kitaabni “Gootota Misoomaa” obbo Abbaa Duulaa Gammadaan barreessan ebbifame

Finfinnee, Muddee 12, 2012 (FBC) – Kitaabni “Gootota Misoomaa” obbo Abbaa Duulaa Gammadaan barreessan kaleessa Hoteela Skaaylaayititti ebbifameera.

Kitaabichi bakka muummichi ministiraa Dr Abiy Ahimad, itti aanaan preezidaantii mootummaa naannoo Oromiyaa obbo Shimallis Abdiisaa, hooggantoonni olaanoo fi keessummoonni garaa garaa argamanitti eebbifameera.

Qabiyyeen kitaabichaa hojiiwwan misoomaa naannoo Oromiyaa yeroo obbo Abbaan Duulaa Gammadaan preezidaantummaan hojjechaa turan irratti kan xiyyeefatudha.

Kitaabicharrattii fi kallattii misoomaa egereerratti mari’atameera.

Obbo Abbaa Duulaa Gammadaa ebba kitaaba isaanii irratti haasaa taasisaniin mul’ata sirreessuu malee ajjeesuun dogoggara seenati jedhaniiru.

Waan mul’anni baatee deemu namni baatee deemuu hin danda’u, muul’anni guddaan ummata dheebuu bishaanitii fi beela keessa jiru gargaarudhas jedhan.

Itti aanaan preezidaantii MNO obbo Shimallis Abdiisaan ammoo mootummaan naannoo Oromiyaa hojii gaarummaa qabu kan kaleessa hojjataman giddugaleessa godhachuun injifannoo haaraa galmeesisuuf karoorfannee hojjachuun dhimma filannoo biraa qabuu miti jedhan

Waan baratame keessaa bahuun jijjiirama argame itti fifsiisuun murteessadhas jedhan.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.