Fana: At a Speed of Life!

Obbo Dammaqaan itti aanaa Preezdaantii gamtaa Awurooppaa Miisteer Jooseep Booreel waliin mari’atan

Finfinnee, Sadaasa 16, 2013 (FBC) –Itti aanaan Muummee Ministiraa fi Ministirri Ministeera Dhimmaa Alaa obbo Dammaqaan Makkoonniin itti aanaa Preezdaantii gamtaa Awurooppaa Miisteer Jooseep Booreel waliin mari’atan.
Itti aanaan Muummee Ministiraa fi Ministirri Ministeera Dhimmaa Alaa obbo Dammaqaan Makkoonniin gara Beeljiyeem imaluun haala waqtaawaa Ityoophiyaa ilaalchisee Miisteer Jooseep Booreeliif ibsa taasiisaniiru.
Gareen finxaaleyyii ABUT badiin yeroo yeroon raawwatu biyyattii gara jeequmsa hamaatti kan geessu ture jedhan.
Gareen kun hangam hamaa akka ta’e haleellaan dhiyeenya kana lammiilee nagaarratti Maaykaadiraatti raawwate qofti ga’aa ta’uu hubachiisaniiru.
Yeroo ammaa birmadummaa biyyaa eegsiisuuf mootummaan tarkaanfii olaantummaa seeraa kabachiisuu fudhataa jiru boqonnaa xumuraarra ga’uu obbo Dammaqaan Miisteer Jooseep Booreeliif ibsuu isaanii ragaan Waajjirra itti aanaa Muummee Ministiraarraa argame ni agarsiisa.
Hojiin hojjetamu mirga namoomaa akka hin sarbine of eeggannoo olaanaan raawwatamaa jiraachuu ibsaniiru.
Giddugalummaa tokko malee mootummaan birmadummaa biyyaa kabachiisuuf tarkaanfii olaantummaa seeraa mirkaneessuu eegale cimsee kan itti fufu ta’uu himaniiru.
Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
Karaa Yuutyuubii keenyan nu hordofuuf FBC Afaan Oromoo
Karaa marsariitii (weebsaayitii) keenya fanabc.com/afaanoromoo nu hordofaaa.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.