Fana: At a Speed of Life!

Hojii boonsaa Raayyaan Ittisa Biyyaa Daanshaa hanga Aduwaatti hojjeteen garee juuntaa irratti miidhaan namummaa fi meeshaa olaanaan qaqabu ibsame

Finfinnee, Sadaasa 16, 2013 (FBC) – Hojii boonsaa Raayyaan Ittisa Biyyaa Daanshaa hanga Aduwaatti hojjeteen garee juuntaa irratti miidhaan namummaa fi meeshaa olaanaan qaqabu ibsame.
 
waraana kaaba dhihaatti qindeessaan miidiyaalee Koloneel Abaatee Nigaatuu Hojii boonsaa Raayyaan Ittisa Biyyaa Daanshaa hanga Aduwaatti hojjeteen garee juuntaa irratti miidhaan namummaa fi meeshaa olaanaan qaqabu ibsaniiru.
 
Kanaanis, humnoota juuntaa kuma 10 ol irratti tarkaanfiin fudhatmuu fi meeshaaleen waraanaa hedduun to’atamuus himaniiru.
 
Meeshaaleen garee jedhaman kanneen akka Bireenii, Dishqaa fi ‘BRG’ jedhaman kuma shanii ol kan qabaman yoo ta’u,meeshaalee waraanaa gurguddaa ta’an kanneen akka Taankii, Madfii fi Rookkeettiin abbaa 107 jedhaman harkaa fudhatamuusaas himaniiru.
 
Yeroo ammaa kanas holola juuntaan kun dabarsuun uummata burjaajeessaa jiru sirrii akka hin taanee fi ragaa qabatamaa nu bira jiruun dhugaa jiru baruu qaba jedhan Koloneel Abateen
 
Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
 
Karaa Yuutyuubii keenyan nu hordofuuf FBC Afaan Oromoo
https://www.youtube.com/channel/UCsy_Mc1C45kRUVopA-NK10A subiskiraayib godhaa.
 
Karaa marsariitii (weebsaayitii) keenya fanabc.com/afaanoromoo nu hordofaa
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.